‏ John 19:38-42

Awwaalamuu Yesuus

19:38‑42 kwf – Mat 27:57‑61; Mar 15:42‑47; Luq 23:50‑56

38Ergasii Yoosef namni Armaatiyaa kan sababii Yihuudoota sodaateef dhoksaan barataa Yesuus ture sun reeffa Yesuus fudhachuuf Phiilaaxoosin kadhate. Phiilaaxoosis isaaf eeyyame; kanaafuu inni dhaqee reeffa Yesuus fudhate. 39Niqoodemoos inni duraan halkaniin gara Yesuus dhufee tures walmakaa qumbiitii fi argeessa gara kiiloo giraamii soddomii afur ulfaatu qabatee dhufe. 40Isaanis reeffa Yesuus fuudhanii akka duudhaa Yihuudootaatti awwaaluuf urgooftuu wajjin huccuu quncee talbaa irraa hojjetameen kafanan. 41Iddoo Yesuus itti fannifames lafa biqiltuu tokkotu ture; lafa biqiltuu sana keessas iddoo awwaalaa haaraa kan namni tokko iyyuu duraan itti hin awwaalamin tokkotu ture. 42Sababii guyyaan sun guyyaa Qophii Yihuudootaa turee fi iddoon awwaalaa sunis waan dhiʼoo tureef Yesuusin achi keessa kaaʼan.
Copyright information for GazHAHl