‏ John 6:15-21

15Yesuusis akka namoonni sun dhufanii humnaan qabanii mootii isa gochuu yaadan hubatee ammas kophaa isaa gara tulluu deeme.

Yesuus Bishaan Irra Deemuu Isaa

6:16‑21 kwf – Mat 14:22‑33; Mar 6:47‑51

16Yommuu galgalaaʼetti barattoonni isaa gara galaanaatti gad buʼan; 17achittis bidiruu yaabbatanii galaana irra gama Qifirnaahomitti qajeelan. Yeroon sun dukkana ture; Yesuus amma iyyuu gara isaanii hin dhufne ture. 18Bubbeen jabaan isaa waan bubbisaa tureef bishaanichi ni raafame. 19Isaanis erga gara kiiloo meetira shanii yookaan jaʼaa mooqanii booddee utuu Yesuus galaana irra deemaa, bidiruu sanattis dhiʼaachaa jiruu argan; ni sodaatanis. 20Inni garuu, “Anumaatii hin sodaatinaa” jedheen. 21Isaanis bidiruutti ol isa fudhachuu barbaadan; bidiruun sunis yommusuma lafa isaan dhaqaa turan sana gaʼe.
Copyright information for GazHAHl