‏ Joshua 12

Maqaa Mootota Moʼatamanii

1Warri Kunneen mootota Israaʼeloonni moʼatanii biyyoota isaanii jechuunis gama baʼa Arabbaa hunda dabalatee, baʼa Yordaanos, Sulula Arnooniitii hamma Tulluu Hermoonitti irraa fudhatanii dha:

2Sihoon mootiin Amoorotaa,
Heshboon keessa taaʼee Aroʼeer ishee qarqara sulula Arnoonitti argamtu sanaa jalqabee hamma Laga Yaaboq kana daarii Amoonotaatti bulchaa ture; kunis walakkaa Giliʼaad dabalata.
3Akkasumas baʼa Arabbaa Galaana Kinereetiitii jalqabee hamma Galaana Arabbaa yookaan Galaana Soogiddaatti, hamma Beet Yashiimootitti, achii immoo karaa Kibbaatiin hamma tabba Phisgaatti bulchaa ture.
4Oogi mootichi Baashaan kan sanyii Refaayim keessaa isa dhumaa taʼe sun Ashtaarotii fi Edreyii bulchaa ture.
5Innis Tulluu Hermoon, Salkaa, guutummaa Baashaan hamma Geshuurotaattii fi Maʼakaataatti, walakkaa Giliʼaad immoo hamma daangaa Sihoon mooticha Heshboonitti bulchaa ture.

6Museen garbichi Waaqayyootii fi Israaʼeloonni isaan moʼatan. Museen garbichi Waaqayyoo biyya isaanii Ruubeenotaaf, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala godhee kenne.

7Mootonni biyya Iyyaasuu fi Israaʼeloonni Yordaanosiin gama lixa biiftuutti moʼatanii kanneenii dha: biyyi isaaniis Baʼaal Gaad Sulula Libaanoon keessa jirtu sanaa jalqabee hamma Tulluu Halaaq kan gara Seeʼiir lafa Iyyaasuun akkuma gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne sanaatti ol kaʼuu dha. 8Biyyoonni kunneenis biyya gaaraa, biyya karaa lixaa, Arabbaa, tabba tulluu, lafa alootii fi Negeebi jechuunis biyyoota Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa ti.

Mootonnis kanneenii dha:

9Mootii Yerikoo, tokko
mootii Aayi kan Beetʼeel biraa, tokko
10mootii Yerusaalem, tokko
mootii Kebroon, tokko
11mootii Yarmuut, tokko
mootii Laakkiish, tokko
12mootii Egloon, tokko
mootii Geezir, tokko
13mooticha Debiir, tokko
mootii Gaadeer, tokko
14mootii Hormaa, tokko
mootii Aaraad, tokko
15mootii Libnaa, tokko
mootii Adulaam, tokko
16mootii Maqeedaa, tokko
mootii Beetʼeel, tokko
17mootii Tafuuʼaa, tokko
mootii Heefer, tokko
18mootii Afeeq, tokko
mooticha Lashaaroon, tokko
19mootii Maadoon, tokko
mootii Haazoor, tokko
20mootii Shimroon Meroon, tokko
mootii Akshaaf, tokko
21mootii Taʼanaak, tokko
mootii Megidoo, tokko
22mootii Qaadesh, tokko
mootii Yoqeniʼaam kan Qarmeloos jiraatu, tokko
23mootii Door kan tabba Door irra jiraatu, tokko
mootii Gooyim kan Gilgaal keessaa jiraatu, tokko
24mootii Tiirzaa, tokko.

Isaanis walumatti mootota soddomii tokko turan.
Copyright information for GazHAHl