Joshua 19
Qooda Gosa Simiʼoon
19:2‑10 kwf – 1Sn 4:28‑33
1Ixaan lammaffaan gosa Simiʼooniif balbala balbalaan baʼe. Dhaalli isaaniis dhaala gosa Yihuudaa keessatti argama. 2Kunis: Bersheebaa yookaan Shebaa, Molaadaa, 3Hazar Shuuʼaal, Baalaa, Ezem, 4Eltolaad, Betuul, Hormaa, 5Siiqlaag, Beet Markaabot, Hazar Suusaa, 6Beet Lebaaʼotii fi Shaaruheen; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha sadii turan;7Ayin, Rimoon, Eteerii fi Ashaan, magaalaawwanii fi gandoota isaanii afran, 8akkasumas gandoota naannoo magaalaawwan kanneenii jiran kanneen hamma
Baaʼilaat Biʼeeritti jechuunis hamma Raamaat ishee Negeeb keessaa sanaatti balʼata. Dhaalli gosti Simiʼoon balbala balbalaan argate kanaa dha. 9Sababii qoodni gosa Yihuudaa hamma isaan barbaadanii ol taʼeef dhaalli gosa Simiʼoon kun qooda gosa Yihuudaa irraa fudhatame. Kanaafuu gosti Simiʼoon Yihuudaa keessatti dhaala argate.
Qooda Gosa Zebuuloon
10Ixaan sadaffaan gosa Zebuulooniif balbala balbalaan baʼe; kunis: Daariin dhaala isaanii hamma Saariiditti deema. 11Achiis karaa lixaatiin gara Mareʼaalaatti gad buʼee Dabesheetitti riiqatee hamma laga Yoqeniʼaam dura jiru sanaatti deema. 12Ergasiis Saariid irraa gara Kisloti Taaboor biyya baʼa biiftuutti argamtu sanaatti gara baʼaatti goree Daaberaatitti qajeelee hamma Yaafiiyaatti deema. 13Achiis karaa baʼaatiin itti fufee Gat Heeferii fi Eetqaaxin dhaqa; Rimooniin gad baʼee gara Neʼaahitti gora. 14Daariin sunis karaa kaabaatiin gara Hanaatoonitti goree Sulula Yiftaa Eelitti dhuma.15Kanneen irrattis Qaataat, Naahaalal, Shimroon, Yidalaa fi Beetlihem dabalamaniiru. Isaaniis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha lama turan.
16Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Zebuuloon balbala balbalaan argatee dha.
Qooda Yisaakor
17Ixaan afuraffaan gosa Yisaakoriif balbala balbalaan baʼe. 18Biyyi isaaniis: Yizriʼeel, Kesuloot, Suunam, 19Hafaarayim, Shiiʼoon, Anaaharat, 20Rabiit, Kishoon, Ebezi, 21Remeet, Een Ganiim, Een Hadaa fi Beet Phaxeex.22Daariin isaanii Taaboor, Shahazumaa fi Beet Shemeshi tuqee Yordaanos gaʼee dhaabata.
Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha jaʼa turan.
23Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Yisaakor balbala balbalaan argatee dha.
Qooda Gosa Aseer
24Ixaan shanaffaan gosa Aasheeriif balbala balbalaan baʼe. 25Biyyi isaaniis: Helqaat, Halii, Beten, Akshaaf, 26Alaamelek, Amaadii fi Mishiʼaal. Daangaan sunis karaa lixaatiin Qarmeloosii fi Shiihoor Libnaat tuqa. 27Ergasii karaa baʼa biiftuutiin gara Beet Daagonitti goree Zebuuloonii fi Sulula Yiftaa Eelitti qabatee Kaabuulin gara bitaatti dhiisee karaa kaabaatiin Beet Emeeqii fi Neʼiiʼeelitti qajeela. 28Achiis kaʼee gara Eebroon, Rehoob, gara Hamoonii fi Qaanaatti ol baʼee hamma Siidoonaa Guddichaatti deema. 29Daangaan sunis ergasii gara Raamaatti goree magaalaa Xiiroos kan dallaa jabaa qabu sanaa dhaqee gara Hoosaatti goree karaa Akziibiitiin galaana gaʼee dhaabata; 30kunis biyya Umaa, biyya Afeeqiitii fi Rehoob dabalata.Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan digdamii lama turan.
31Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Aasheer balbala balbalaan argatee dha.
Qooda Gosa Niftaalem
32Ixaan jaʼaffaan gosa Niftaalemiif balbala balbalaan baʼe; kunis: 33Daariin isaanii Heelefii fi muka guddaa Zaʼaanaaniim keessa jiru sanaa kaʼee Adaamii Neqebii fi Yabniʼeel irraan gara Laquumiitti qajeelee Yordaanos gaʼee dhaabata. 34Daariin sun Aznoot Taabooritti qajeelee gara lixaatti goruudhaan Huuqooqi gaʼee dhaabata. Innis karaa kibbaatiin Zebuuloon, karaa lixatiin Aasheer, karaa baʼaatiin immoo Yordaanos tuqa.35Magaalaawwan dallaa jabaa qaban kanneenii dha: Zidiimi, Zeeri, Hamaati, Raqaati; Kinereeti, 36Adaamaa, Raamaa, Haazoor, 37Qaadesh, Edreyii, Een Haxoor, 38Yiroon, Migdaal Eel, Horeem, Beet Anaatii fi Beet Shemesh.
Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha sagal turan.
39Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Niftaalem balbala balbalaan argatee dha.
Qooda Gosa Daan
40Ixaan torbaffaan gosa Daaniif balbala balbalaan baʼe. 41Biyyi isaan Dhaalanis: Zoraa, Eshitaaʼol, Iir Shemeshi, 42Shaʼalabiin, Ayaaloon, Yitlaa, 43Eeloon, Tiimnaahi, Eqroon, 44Elteqee, Gibetoon, Baaʼilaati, 45Yihuud, Benee Beraaq, Gat Rimoon, 46Meyaarqoonii fi Raqoon Yoopheetti garagalee argamu sanaa dha.47Ijoolleen Daan garuu sababii lafti dhaalan sun isaanitti dhiphatteef ol baʼanii Lesheemin waraananii qabatan; erga goraadeedhaan dhaʼanii booddee ishee dhuunfatan. Isaanis Lesheem keessa qubatanii Daan jedhanii maqaa abbaa isaaniitiin ishee moggaasan. 48Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Daan balbala balbalaan argatee dha.
Qooda Iyyaasuu
49Israaʼeloonnis erga biyyattii ixaadhaan qoodamte sana hiranii fixanii booddee gidduu isaaniitti Iyyaasuu ilma Nuunitiif dhaala kennan; 50dhaala kanas akkuma Waaqayyo ajajetti kennan. Isaanis magaalaa inni gaafatee kennaniif; magaalaan sunis Timnaat Seeraa kan biyya gaaraa Efreemitti argamtuu dha. Innis magaalaa sana ijaaree keessa jiraate.51Kunneen biyyoota Eleʼaazaar lubichi, Iyyaasuun ilmi Nuunitii fi hangafoonni gosoota Israaʼel Shiilootti fuula Waaqayyoo duratti balbala dunkaana wal gaʼii irratti ixaadhaan kennanii dha. Isaanis akkasiin biyyattii qooduu xumuran.
Copyright information for
GazHAHl