‏ Joshua 13

Biyya Qabatamuuf Jiru

1 Waaqayyos yeroo Iyyaasuun bara dheeraa jiraatee dulloometti akkana jedheen; “Ati amma akka malee dulloomteerta; garuu amma iyyuu lafti dhaalamuu qabu baayʼeetu jira.

2“Lafti hafe sunis kanaa dha:

“guutummaa biyya Filisxeemotaatii fi Geshuurotaa,
3karaa baʼa Gibxiitiin laga Shihoorii hamma kaaba daarii Ashqaloonitti jiru hundi akka biyya Kanaʼaanotaatti hedama. Kunis biyya Awootaa kan kutaa biyyoota bulchitoota Filisxeemotaa shanan jechuunis
Gaazaa, Ashdood, Eqroon, Gitii fi Eqroon;
4karaa kibbaatiin immoo guutummaa
biyya Kanaʼaanotaa, Meʼaaraa Siidoonaatii hamma Afeeqiitti biyya Amoorotaa
5kan biyya Gebaalotaa ti;
akkasumas karaa baʼaatiin guutummaa Libaanoon, Baʼaal Gaad kan Tulluu Hermoon jalaa hamma Leeboo Hamaatitti.

6“Ani mataan koo jiraattota biyya gaaraa kanneen Libaanoonii hamma Misrefooti Maayimiitti jiraatan jechuunis Siidoonota hunda fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee nan baasa. Ati akkuma ani si ajajetti biyya kana akka dhaalaatti Israaʼelootaaf hiri; 7kanas gosoota sagallanii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala godhii hiri.”

Biyyi Baʼa Yordaanos Hiramuu Isaa

8Walakkaan gosa Minaasee kaan, gosti Ruubeenii fi gosti Gaad biyya Yordaanosiin gama baʼaa kan Museen garbichi Waaqayyoo isaaniif kennee ture sana akkuma inni isaaniif qoodetti fudhatan. 9Biyyi sunis Aroʼeer kan qarqara Sulula Arnooniitti, argamtuu fi magaalaa walakkaa sulula sanaa keessaatii jalqabee dirree Meedebaan dabalatee hamma Diibooniitti diriira; 10akkasumas magaalaawwan Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sanaa hunda dabalatee hamma daarii Amoonotaatti diriira ture.
11Kana malees Giliʼaad, biyya Geshuurotaatii fi Maʼakaatotaa, guutummaa Tulluu Hermoonii fi guutummaa Baashaan hamma Salkaatti 12jechuunis guutummaa mootummaa Oogi kan Baashaan keessaa isa Ashtaarotii fi Edreyii bulchaa ture kan sanyii Refaayimootaa keessaa isa dhumaa taʼe sanaatti diriira. Museenis isaan moʼatee biyya isaanii fudhate. 13Garuu sababii Israaʼeloonni ariʼanii isaan hin baasiniif Geshuuronnii fi Maʼakaatonni hamma ammaatti Israaʼeloota gidduu jiraatu.

14Gosa Lewwiitiif garuu inni dhaala tokko illee hin kennine; akkuma inni waadaa isaaniif gale sanatti aarsaan ibiddaan Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif dhiʼeeffamu dhaala isaaniitii.

15Wanni Museen gosa Ruubeeniif, balbala balbalaan kenne kanaa dha: 16Biyya Aroʼeer kan qarqara Sulula Arnoon, magaalattii walakkaa sululaatii jalqabee dirree Meedebaa bira jiru hunda 17hamma Heshboonii fi magaalaawwan ishee kanneen dirree irra jiran hunda jechuunis Diiboon, Baamooti Baʼaal, Beet Baʼaal Meʼoon, 18Yaahizaa, Qidemoot, Meefiʼaat, 19Kiriyaataayim, Sibimaa, Zeret Shahari ishee gaara sululaa irratti argamtu, 20Beet Pheʼoor, tabba Phisgaatii fi Beet Yashiimoot 21jechuunis magaalaawwan dirree irraa hundumaa fi guutummaa mootummaa Sihoon mooticha Amoorotaa kan Heshboon keessa jiraatee bulchaa ture hundaa ti. Museenis Sihoonii fi bulchitoota Midiyaanotaa kanneen Eewii, Reqem, Zuuri, Huurii fi Rebaa moʼate; isaanis Sihooniin walii galanii biyya sana keessa jiraachaa turan. 22Israaʼeloonni warra lola keessatti ajjeefaman irratti dabalanii Balaʼaam ilma Beʼoor falfalticha sanas goraadeedhaan ajjeesan.
23Daangaan Ruubeenotaa qarqara laga Yordaanos ture. Magaalaawwan kanneenii fi gandoonni isaanii akkuma balbala balbala isaaniitti dhaala gosa Ruubeen.

24Wanni Museen gosa Gaadiitiif balbala balbalaan kenne kanaa dha: 25Daangaan isaaniis Yaʼizeer, magaalaawwan Giliʼaad hundumaa fi walakkaa biyya Amoonotaa kan hamma Aroʼeeritti diriiree gara baʼa Rabbaatti argamuu dha; 26akkasuma Heshboonii jalqabee hamma Raamaatitti Miisphaa fi Betooniimitti, Mahanayiimii jalqabee hamma daangaa Debiiritti diriiruu dha; 27amma illee sulula keessa, Beet Haaraam, Beet Niimraa, Sukooti, Zaafoonii fi biyya Sihoon mootichi Heshboon bulchu kan gara baʼa Yordaanos kan hamma dhuma Galaana Kinereetitti diriiree jiru sanaa dha.
28Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii akkuma balbala balbala isaaniitti dhaala gosa Gaad.

29Wanni Museen walakkaa gosa Minaaseetiif jechuunis walakkaa maatii sanyii Minaaseetiif balbala balbalaan kenne kanaa dha: 30Daangaa biyya Mahanayiimiitii jalqabee biyya Baashaan guutuu dabalatee naannoo bulchiinsa Oogi mooticha Baashaan jechuunis qubata Yaaʼiir kan Baashaan keessaa magaalaa jaatama, 31walakkaa biyya Giliʼaad, Ashtaarotii fi Edreyii, magaalaa Oogi mootichi Baashaan jiraatuutti diriira.
Kunis qooda sanyii Maakiiriif ilma Minaasee jechuunis walakkaa ilmaan Maakiiriif balbala balbalaan kennamee dha.

32Kun dhaala Museen yeroo Yordaanos gama jechuunis gama baʼa Yerikoo dirree Moʼaab keessa ture sanatti qoodee dha. 33Gosa Lewwiitiif garuu Museen waan tokko illee hin kennine; akkuma inni waadaa isaaniif gale sanatti Waaqayyo Waaqni Israaʼel dhaala isaanii ti.
Copyright information for GazHAHl