Joshua 24
Kakuun Sheekemitti Haaromfame
1Iyyaasuunis ergasii gosoota Israaʼel hunda Sheekemitti walitti qabe. Innis maanguddoota, hooggantoota, abbootii murtii fi qondaaltota Israaʼel walitti waame; isaanis fuula Waaqaa duratti dhiʼaatan. 2Iyyaasuun saba hundaan akkana jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Abbootiin keessan bara durii, Taaraa abbaa Abrahaamii fi Naahoor dabalatanii Laga gama jiraatanii waaqota biraa waaqeffatan. 3Ani garuu abbaa keessan Abrahaam biyya Laga gamaatii fuudhee biyya Kanaʼaan keessa isa dabarsee sanyii baayʼee kenneef. Ani Yisihaaqin isaafan kenne; 4Yisihaaqiif immoo Yaaqoobii fi Esaawun kenne. Biyyaa gaaraa Seeʼiir Esaawufin kenne; Yaaqoobii fi ilmaan isaa garuu Gibxitti gad buʼan. 5“ ‘Anis Musee fi Aroon ergee waanan achitti hojjedheen namoota Gibxi dhaʼichaan dhaʼee achii isin baase. 6Yeroo ani abbootii keessan biyya Gibxi keessaa baasetti, isin gara galaanaa dhuftan; warri Gibxi immoo gaariiwwan lolaatii fi warra fardeen yaabbataniin hamma Galaana Diimaatti isaan hordofan. 7Isaan gargaarsa barbaaduuf Waaqayyotti iyyatan; innis isaanii fi warra Gibxi gidduu dukkana buuse; warra Gibxitti galaana fidee isaan ukkaamse. Isin waan ani warra Gibxi godhe ijuma keessaniin argitan. Ergasiis isin bara dheeraa gammoojjii keessa jiraattan. 8“ ‘Anis biyya Amoorota gama baʼa Yordaanos jiraachaa turan sanaatti isin nan fide. Isaanis isin lolan; ani garuu dabarsee harka keessanitti isaan kenne. Ani fuula keessan duraa isaan nan barbadeesse; isinis biyya isaanii qabattan. 9Baalaaq ilmi Ziphoori mootichi Moʼaab sun yeroo Israaʼelitti duuluuf qophaaʼetti akka inni isin abaaruuf Balaʼaam ilma Beʼooritti dhaamsa ergate. 10Ani garuu Balaʼaamin hin dhaggeeffanne; kanaafuu inni irra deddeebiʼee isin eebbise; anis harka isaa keessaa isin nan baase. 11“ ‘Isinis ergasii laga Yordaanos ceetanii Yerikoo dhuftan. Jiraattonni Yerikoos akkuma Amooronni, Feerzonni, Kanaʼaanonni, Heetonni, Girgaashonni, Hiiwonnii fi Yebuusonni godhan sana isin lolan; ani garuu dabarseen harka keessanitti isaan kenne. 12Ani sonsa isaanii fi mootota Amoorotaa lamaan fuula keessan duraa ariʼee baasu isin dura nan erge. Isin goraadee keessanii fi iddaa keessaniin isaan hin ariine. 13Ani akkasiin biyya isin itti hin dadhabinii fi magaalaa isin hin ijaarin isiniifan kenne; isinis isaan keessa jiraattanii iddoo dhaabaa wayiniitii fi muka ejersaa kan ofii keessanii hin dhaabin irraa nyaattan.’ 14“Egaa Waaqayyoon sodaadhaatii amanamummaa guutuudhaan isa tajaajilaa. Waaqota abbootiin keessan Laga gamaa fi biyya Gibxitti waaqeffatan sana gataatii Waaqayyoon tajaajilaa. 15Isin garuu yoo Waaqayyoon tajaajiluu hin barbaanne, waaqota abbootiin keessan Laga gamatti tajaajilaa turan sana yookaan waaqota Amoorotaa biyya isaanii keessa jiraattan kanneenii keessaa harʼa filadhaa. Anii fi manni koo garuu Waaqayyoon waaqeffanna.” 16Sabnis akkana jedhee deebiseef; “Waaqota biraa tajaajiluudhaaf jennee Waaqayyoon dhiisuun nurraa haa fagaatu! 17Kan biyya Gibxi, biyya garbummaa sana keessaa nuu fi abbootii keenya baasee waan mallattoowwan gurguddaa sana ija keenya duratti hojjete Waaqayyo Waaqa keenyaa dha. Inni karaa keenya hunda irrattii fi saboota nu gidduu isaanii tarre sana hunda gidduutti nu eege. 18Waaqayyo saboota hunda, Amoorota biyya sana keessa jiraachaa turanis fuula keenya duraa ariʼee baase. Sababii inni Waaqa keenya taʼeef nu Waaqayyoon tajaajilla.” 19Iyyaasuunis sabaan akkana jedhe; “Isin Waaqayyoon tajaajiluu hin dandeessan. Inni Waaqa qulqulluu dha. Inni Waaqa hinaafuu dha. Inni fincila keessanii fi cubbuu keessan isinii hin dhiisu. 20Yoo isin Waaqayyoon dhiiftanii waaqota ormaa tajaajiltan, inni erguma waan gaarii isinii godhee booddee garagalee balaa isinitti buusee isin balleessa.” 21Namoonni garuu Iyyaasuudhaan, “Lakki! Nu Waaqayyoon tajaajilla” jedhan. 22Iyyaasuunis deebisee, “Isin akka Waaqayyoon tajaajiluu filattan ofii keessanitti dhugaa baatota taataniirtu” jedheen. Isaanis deebisanii, “Eeyyee, nu dhugaa baatota” jedhan. 23Kana irratti Iyyaasuun, “Yoos amma waaqota ormaa kanneen isin gidduu jiran sana baasaa gataatii garaa keessan Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti kennaa” jedheen. 24Sabnis Iyyaasuudhaan, “Nu Waaqayyo Waaqa keenya tajaajilla; ni ajajamnaafis” jedhe. 25Iyyaasuun guyyaa sana sabaaf kakuu galee Sheekemitti ajajaa fi seera baase. 26Innis waan kana Kitaaba Seera Waaqaa keessatti barreesse. Dhagaa guddaa tokkos fuudhee iddoo qulqulluu Waaqayyoo biratti qilxuu tokko jala dhaabe. 27Inni nama hundaan akkana jedhe; “Kunoo! Dhagaan kun dhugaa nutti baʼaa. Inni dubbii Waaqayyo nutti dubbate hunda dhagaʼeera. Yoo isin Waaqa keessaniif hin amanamin dhagaan kun dhugaa isinitti baʼa.”Iyyaasuun Duʼuu Isaa
24:29‑31 kwf – AbM 2:6‑9
28Kanaafuu Iyyaasuun tokkoo tokkoo namaa gara dhaala mataa mataa isaatti erge. 29Sana booddee Iyyaasuun ilmi Nuuni, garbichi Waaqayyoo sun, waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe. 30Isaanis lafa dhaala isaa, Timnaat Seeraa kan biyya gaaraa Efreem keessatti karaa kaaba Tulluu Gaʼaashitti argamtu sanatti isa awwaalan. 31Sabni Israaʼel bara jireenya Iyyaasuu guutuu fi bara maanguddoota erga inni duʼee as hafanii jiraatanii waan Waaqayyo Israaʼeliif godhe hunda arganii keessa Waaqayyoon tajaajileera. 32Lafeen Yoosef kan Israaʼeloonni biyya Gibxii baasanii fidanis Sheekemitti lafa Yaaqoob meetii dhibba tokkoon ilmaan Hamoor, abbaa Sheekem irraa bitee sanatti awwaalame. Lafti kunis dhaala sanyii Yoosef taʼe. 33Eleʼaazaar ilmi Aroonis duʼee Gibeʼaa lafa biyya gaaraa Efreem kan ilma isaa Fiinehaasiif ixaadhaan kenname keessatti awwaalame.
Copyright information for
GazHAHl