‏ Joshua 3

Yordaanosiin Ceʼuu

1Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundinuu ganama barii Shixiim keessaa baʼanii gara Laga Yordaanos dhufan. Utuu gamatti hin ceʼin duras achi qubatan. 2Bultii sadii booddee ajajjoonni loltootaa qubata keessa dedeemanii, 3akkana jedhanii namoota ajajan: “Isin yommuu taabota kakuu Waaqayyo Waaqa keessaniitii fi Lewwota luboota taʼan isaanii taaboticha baatan argitanitti iddoo keessanii kaatanii taaboticha faana buʼuu qabdu. 4Isin sababii duraan karaa kanaan hin darbiniif, karaa deemuun isinii malu ni beektu. Garuu isinii fi taaboticha gidduutti gargari fageenya gara dhundhuma kuma lama hambisaa; ittis hin dhiʼaatinaa.”

5Iyyaasuunis uummataan, “Of qulqulleessaa; Waaqayyo bor gidduu keessanitti wantoota dinqisiisaa ni hojjetaatii” jedhe.

6Iyyaasuunis lubootaan, “Taabota kakuu fuudhaatii uummata dura darbaa” jedhe. Kanaafuu isaan taaboticha fuudhanii uummata dura darban.

7 Waaqayyos Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Akka isaan akka ani akkuman Musee wajjin ture sana si wajjin jiru beekaniif, ani harʼa fuula Israaʼeloota hundaa duratti nama guddaa si gochuu nan jalqaba. 8Atis luboota taabota kakuu baataniin, ‘Isin yommuu qarqara bishaan Yordaanos geessanitti, dhaqaatii laga keessa dhadhaabadhaa’ jedhi.”

9Iyyaasuunis Israaʼelootaan akkana jedhe; “As kottaatii dubbii Waaqayyo Waaqa keessanii dhagaʼaa. 10Akki isin itti akka Waaqni jiraataan gidduu keessan jiruu fi akka inni dhugumaan Kanaʼaanota, Heetota, Hiiwota, Feerzota, Girgaashota, Amoorotaa fi Yebuusota fuula keessan duraa ariʼee baasu beektan kanaa dha. 11Kunoo, taabonni kakuu Gooftaa lafa hundumaa isin duraan Yordaanos ni seena. 12Kanaafuu amma gosoota Israaʼel keessaa nama kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko tokko filadhaa. 13Akkuma luboonni taabota Waaqayyo Gooftaa lafa hundaa baatan miilla isaanii Yordaanos keessa seensisaniin, bishaan isaa kan gubbaadhaa gad yaaʼu ni cita; tuulamees ol dhaabata.”

14Kanaaf yommuu namoonni laga Yordaanos ceʼuuf qubata isaanii keessaa baʼanitti, luboonni taabota kakuu baatanii isaan dura darbanii deeman. 15Yeroo midhaan galfamu hunda lagni Yordaanos guutee irra dhangalaʼa. Taʼus akkuma luboonni taaboticha baatan Yordaanos gaʼanii miilli isaanii qarqara bishaanii tuqeen, 16bishaan burqaa oliitii dhufu yaaʼuu dhiise. Iddoo magaalaa Addaam jedhamu kan Zaaretaan biraa sana irraa fagaatee tuulamee dhaabate; bishaan gara Galaana Arabbaatti yookaan Galaana soogiddaatti gad yaaʼus guutumaan guutuutti cite. Kanaafuu namoonni fuullee Yerikootiin gara gamaatti ceʼan. 17Yeroo Israaʼeloonni hundi darbaa turanitti luboonni taabota kakuu Waaqayyoo baatan sun hamma sabni guutumaan guutuutti lafa goggogaa irra ceʼutti walakkaa Yordaanos keessa qajeelanii lafa goggogaa irra dhaabatan.
Copyright information for GazHAHl