Judges 1
Israaʼeloonni Kanaʼaanota Lolan
1:11‑15 kwf – Iya 15:15‑19
1Erga Iyyaasuun duʼee booddee Israaʼeloonni, “Kanaʼaanota loluudhaaf eenyu dursee nuuf haa baʼu?” jedhanii Waaqayyoon gaafatan. 2 Waaqayyos, “Yihuudaan dursee haa baʼu; kunoo, ani biyyattii dabarsee harka isaatti kenneera” jedhee deebiseef. 3Namoonni Yihuudaas obboloota isaanii ilmaan Simiʼooniin, “Kottaa gara lafa qooda keenyaatti Kanaʼaanota loluuf wajjin baanaa; nus gama keenyaan gara lafa qooda keessaniitti isin wajjin ni baanaa” jedhan. Kanaafuu namoonni Simiʼoon isaan wajjin baʼan. 4Yommuu Yihuudaan baʼettis Waaqayyo Kanaʼaanotaa fi Feerzota dabarsee harka isaaniitti kenne; isaanis iddoo Bezeq jedhamutti nama kuma kudhan fixan. 5Achittis Adoonii-Bezeq arganii isa lolan; Kanaʼaanotaa fi Feerzotas moʼatan. 6Adoonii-Bezeq achii baqate; isaan garuu ariʼanii isa qaban; quba abbuudduu harkaatii fi quba abbuudduu miilla isaa irraa kutan. 7Ergasiis Adoonii-Bezeq, “Mootonni qubni abbuudduun harka isaaniitii fi qubni abbuudduun miilla isaanii irraa cirame torbaatamni waan maaddii koo jalatti harcaʼe funaannachaa turan. Amma garuu Waaqni waanuma ani isaanitti hojjedhe naa deebise” jedhe. Isaanis Yerusaalemitti isa fidan; innis achitti duʼe. 8Namoonni Yihuudaa Yerusaalemiinis akkasuma dhaʼanii qabatan. Magaalattiis goraadeedhaan dhaʼanii ibidda itti qabsiisan. 9Ergasiis namoonni Yihuudaa Kanaʼaanota biyya gaaraa, Negeebii fi gammoojjii karaa lixa biiftuu keessa jiraatan loluudhaaf gad buʼan. 10Namoota Kanaʼaan kanneen Kebroon ishee dur Kiriyaati Arbaaq jedhamtu keessa jiraatanittis duulanii Sheeshaayiin, Ahiimanii fi Talmaayin moʼatan. 11Achiis namoota biyya Debiir ishee dur Kiriyaati Seefer jedhamaa turte sana keessa jiraatanitti duulan. 12Kaalebis, “Ani nama Kiriyaati Seefer lolee qabatutti intala koo Aaksaa nan heerumsiisa” jedhe. 13Obboleessi Kaaleb quxisuun, Otniiʼeel ilmi Qenaz magaalattii qabate; Kaalebis intala isaa Aaksaa isatti heerumsiise. 14Isheenis yeroo gara Otniiʼeel dhuftetti, akka inni abbaa ishee lafa qotiisaa kadhatu isa kakaafte. Kaalebis yommuu isheen harree ishee irraa buutetti, “Ani maal siif godhu?” jedhee ishee gaafate. 15Isheenis deebiftee, “Waan addaa tokko naa godhi. Akkuma Negeeb keessatti lafa naa kennite sana burqaawwan bishaaniis naa kenni” jetteen. Kaalebis burqaawwan oliitii fi gadii kenneef. 16Sanyiiwwan Qeenii namicha abbaa niitii Musee sanaa namoota gammoojjii Yihuudaa keessa Negeeb ishee Aaraad biratti argamtu keessa jiraatan gidduu jiraachuuf jedhanii namoota Yihuudaa wajjin Magaalaa Meexxiitii ol baʼan. 17Namoonni Yihuudaa obboloota isaanii ilmaan Simiʼoon wajjin dhaqanii Kanaʼaanota Zefaati keessa jiraatan waraanan; magaalattiis guutumaan guutuutti barbadeessan. Kanaafuu magaalattiin Hormaa jedhamtee waamamte. 18Akkasumas namoonni Yihuudaa Gaazaa gandoota naannoo ishee wajjin, Ashqaloon gandoota naannoo ishee wajjin, Eqroon naannoo ishee wajjin qabatan. 19 Waaqayyo namoota Yihuudaa wajjin ture. Kanaafuu isaan biyya gaaraa sana qabatan; garuu sababii namoonni dirree irra jiraatan gaariiwwan sibiilaa qabaniif achii isaan baasuu hin dandeenye. 20Akkuma Museen abdachiisee turetti Kebroon Kaalebiif kennamte; innis ilmaan Anaaq sadan achii ariʼee baase. 21Ijoolleen Beniyaam garuu Yebuusota Yerusaalem keessa jiraachaa turan sana achii baasuu hin dandeenye; hamma ammaatti Yebuusonni Beniyaamota wajjin iddoo sana jiraatan. 22Gosti Yoosef immoo Beetʼeel waraanan; Waaqayyos isaan wajjin ture. 23Yommuu isaan gara Beetʼeel ishee dur Luuzi jedhamtutti basaastota erganitti, 24basaastonni sun namicha magaalaadhaa baʼee dhufu tokko arganii, “Karaa ittiin magaalaa seenan nu argisiisi; nus waan gaarii siif goona” jedhaniin. 25Innis itti argisiise; isaanis namicha sanaa fi maatii isaa guutuu dhiisanii magaalaa sana goraadeedhaan dhaʼan. 26Namichis gara Heetotaa deemee magaalaa Loozaa jedhamtu hundeesse; isheenis hamma ammaatti Luuzi jedhamtee waamamti. 27Minaaseen garuu namoota Beet Sheʼaaniitii fi gandoota naannoo ishee yookaan Taʼanaakii fi gandoota naannoo ishee yookaan Doorii fi gandoota naannoo ishee yookaan Yibleʼaamii fi gandoota naannoo ishee yookaan Megidoo fi gandoota naannoo ishee jiraatan achii hin baafne; kanaafuu Kanaʼaanonni ittuma fufanii achi jiraachuuf murteeffatan. 28Israaʼeloonni yommuu jabaachaa dhufanitti akka isaan hojii humnaa hojjetan isaan dirqisiisan malee Kanaʼaanota guutumaan guutuutti achii hin baafne. 29Efreemis Kanaʼaanota Geezir keessa jiraatan achii hin baafne; Kanaʼaanonni garuu ittuma fufanii achuma isaan gidduu jiraatan. 30Zebuuloonis Kanaʼaanota Qixroon yookaan Nahalol keessa jiraatan kanneen gidduu isaaniitti hafan hin baafne; garuu akka isaan hojii humnaa hojjetan godhan. 31Aasheeris warra Akoo yookaan Siidoon yookaan Ahilaab yookaan Akziib yookaan Helbaa yookaan Afiiqii fi Rehoob keessa jiraatan hin baafne; 32namoonni Aasheer sababii isaan jara ariʼanii hin baasiniif Kanaʼaanota biyya sana jiran gidduu jiraatan. 33Niftaalem warra Beet Shemeshii fi Beet Anaati keessa jiraatan hin baafne; namoonni Niftaalem garuu Kanaʼaanota biyya sana turan gidduu jiraatan; warri Beet Shemeshii fi Beet Anaati dirqamsiifamanii hojii humnaa hojjechaafii turan. 34Amooronni immoo warra Daan gara biyya gaaraatti dhiiban malee akka isaan sululatti gad buʼan hin eeyyamneef ture. 35Amooronnis itti fufanii Tulluu Herees irra, Ayaaloonii fi Shaʼalbiim keessa jiraatan; garuu yommuu humni mana Yoosef jabaachaa dhufetti isaanis hojii humnaa isaanii hojjechuuf dirqisiifaman. 36Daariin Amoorotaa Aqrabiimii jalqabee karaa Seelaatiin ol baʼa ture.
Copyright information for
GazHAHl