Judges 10
Toolaa
1Erga Abiimelek duʼee booddee namichi gosa Yisaakor, Toolaan ilmi Phuwaa ilmi Doodoo Israaʼel baraaruuf kaʼe. Innis biyya gaaraa Efreem keessa Shaamiir jiraate. 2Tolaan waggaa digdamii sadii Israaʼelin bulche; ergasiis duʼee Shaamiiritti awwaalame.Yaaʼiir
3Isatti aanee Yaaʼiir namichi gosa Giliʼaad kaʼee waggaa kudha lama Israaʼelin bulche; 4innis ilmaan soddoma kanneen harroota soddoma yaabbatan qaba ture. Isaanis magaalaawwan hamma harʼaatti gandoota Yaaʼiir jedhaman soddoma Giliʼaad keessaa qabu turan. 5Yaaʼiiris duʼee Qaamonitti awwaalame.Yiftaa
6Ammas Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan. Baʼaalii fi Ashtooreti akkasumas waaqota Sooriyaa, Siidoonaa, Moʼaab, Amoonii fi kan Filisxeem waaqeffatan. Waan Israaʼeloonni Waaqayyoon dhiisanii isa waaqeffachuu didaniif, 7inni isaanitti dheekkame. Dabarsees harka Filisxeemotaatii fi Amoonotaatti isaan gurgure; 8isaanis bara sana ijoollee Israaʼel gad cabsanii cunqursan. Israaʼeloota biyya Amoorotaa kan Giliʼaad keessa karaa baʼaatiin laga Yordaanos bira jiraatan hundumaa waggaa kudha saddeet akka malee cunqursan. 9Amoononnis gosa Yihuudaa, gosa Beniyaamii fi mana Efreem waraanuudhaaf laga Yordaanos ceʼan. Israaʼeloonnis akka malee raafaman. 10Kanaafuu Israaʼeloonni, “Nu si Waaqa keenya dhiifnee Baʼaal waaqeffachuudhaan yakka sitti hojjenneerra” jedhanii Waaqayyotti iyyatan. 11 Waaqayyos akkana jedhee deebiseef; “Yeroo warri Gibxi, Amooronni, Amoononni, Filisxeemonni, 12Siidoononni, Amaaleqoonnii fi Maaʼoononni isin cunqursinaan isin natti iyyattanitti ani harka isaanii jalaa isin hin baafnee? 13Isin garuu na dhiiftanii waaqota biraa waaqeffattan; kanaafuu ani siʼachi isin hin baasu. 14Deemaatii waaqota filattan sanatti iyyadhaa. Yommuu isin rakkattan isaanumti isin haa oolchan!” 15Israaʼeloonnis Waaqayyoon, “Nu cubbuu hojjenneera. Ati waan feete nu godhi; amma garuu maaloo nu baasi” jedhan. 16Isaanis waaqota ormaa gidduu isaaniitii balleessanii Waaqayyoon waaqeffatan. Innis ergasii dhiphina Israaʼel calʼisee ilaaluu hin dandeenye. 17Yeroo Amoononni Giliʼaaditti wal gaʼanitti Israaʼeloonnis wal gaʼanii Miisphaa qubatan. 18Hooggantoonni namoota Giliʼaadis, “Namni jalqabatti Amoonotatti waraana banu inni jiraattota Giliʼaad hundaaf hoogganaa taʼa” waliin jedhan.
Copyright information for
GazHAHl