Judges 11
1Yiftaan namichi gosa Giliʼaad sun goota ture. Abbaan isaa Giliʼaad jedhama; haati isaa immoo sagaagaltuu turte. 2Niitiin Giliʼaadis Giliʼaadiif ilmaan deesse; isaanis yommuu guddatanitti Yiftaadhaan, “Ati waan dubartii biraa irraa dhalatteef dhaala tokko illee maatii keenya irraa hin argattu” jedhanii isa ariʼan. 3Kanaafuu Yiftaan obboloota isaa duraa baqatee biyya Xoob jedhamu keessa jiraate; gareen kashlabbootaa naannoo isaatti walitti qabamanii isa duukaa buʼan. 4Yeroo xinnoo booddee, yommuu Amoononni saba Israaʼelitti waraana kaasanitti, 5maanguddoonni Giliʼaad Yiftaa barbaacha gara Xoob deeman. 6Isaanis, “Akka nu Amoonota waraanuu dandeenyuuf kottuu ajajaa nuu taʼi” jedhaniin. 7Yiftaanis, “Isin na jibbitanii mana abbaa kootii na hin ariinee? Amma yommuu rakkattan maaliif na bira dhuftu?” isaaniin jedhe. 8Maanguddoonni Giliʼaadis, “Nu sababii kanaaf gara kee dhufneerra; Amoonota waraanuudhaaf nu faana kottu; nu warra Giliʼaad keessa jiraannu hunda irrattis hoogganaa ni taataa” jedhaniin. 9Yiftaanis, “Yoo isin akka ani Amoonota waraanuuf biyya kootti na deebiftanii Waaqayyos dabarsee harka kootti isaan kenne, dhugumaan ani hoogganaa keessan nan taʼaa?” jedheen. 10Maanguddoonni Giliʼaadis deebisanii, “Waaqayyo dhuga baʼaa keenya; dhugumaan nu akkuma ati jette goona” jedhaniin. 11Kanaafuu Yiftaan maanguddoota Giliʼaad wajjin qajeele; sabni Giliʼaadis hoogganaa fi abbaa duulaa isa godhate. Innis iddoo Miisphaa jedhamutti waan duraan dubbate hundumaa irra deebiʼee fuula Waaqayyoo duratti dubbate. 12Yiftaan gara mootii Amoonotaatti ergamoota ergee, “Ati kan biyya keenya waraantuuf rakkina maalii nurraa qabda?” jedheen. 13Mootiin Amoonotaas ergamoota Yiftaatiin, “Sababii Israaʼeloonni yeroo Gibxii baʼanitti biyya koo kan Arnoonii fi Yaaboq gidduu jiruu fi biyya koo kan hamma Yordaanositti jiru fudhataniif ani waan kana godheera; kanaafuu amma karaa nagaan naa deebisaa” jedhe. 14Yiftaanis gara mootii Amoonotaatti deebisee ergamoota isaa erge; 15akkanas jedhe: “Yiftaan akkana jedha: Israaʼel biyya Moʼaab yookaan biyya Amoonota hin fudhanne. 16Garuu yeroo Gibxii baʼanitti Israaʼeloonni gammoojjii keessa gara Galaana Diimaa, achii immoo gara Qaadesh dhufan. 17Israaʼelis gara mootii Edoomitti, ‘Akka ani biyya kee keessaan darbu naa eeyyami’ jedhee ergamoota erge; mootiin Edoom garuu hin dhageenye. Gara mootii Moʼaabittis akkasuma ergan; inni illee ni dide. Kanaafuu Israaʼel Qaadesh keessa ture. 18“Itti aansees gammoojjii keessa darbee biyya Edoomii fi biyya Moʼaab irra naannaʼee karaa baʼa biyya Moʼaabiin darbee gama kaaniin Arnoon cina qubate. Garuu sababii Arnoon daarii Moʼaab turteef isaan biyya Moʼaab hin seenne ture. 19“Ergasiis Israaʼel Sihoon mooticha Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sanatti ergamoota ergee, ‘Akka nu biyya kee keessa gara biyya keenyaatti dabarru nuu eeyyami’ jedheen. 20Sihoon garuu akka inni karaa biyya isaatiin darbu Israaʼelin hin amanne. Kanaafuu inni namoota isaa walitti qabatee Yaahizaa keessa qubatee Israaʼelin lole. 21“Waaqayyo Waaqni Israaʼelis Sihoonii fi namoota isaa hunda dabarsee harka Israaʼelitti kenne; Israaʼeloonnis jara moʼatan; kanaafuu Israaʼeloonni biyya Amoorota achi jiraatan hundaa fudhatan; 22qabeenya biyya Amoor kan Arnoonii hamma Yaaboqitti akkasumas kan gammoojjii hamma Yordaanositti jiru hunda fudhatan. 23“Yoos erga Waaqayyo Waaqni Israaʼel fuula saba Israaʼel duraa Amoorota ariʼee baasee ati fudhachuudhaaf mirga maalii qabdaa? 24Ati waan Kemoosh Waaqni kee siif kennu hin fudhattuu? Nus akkasuma waan Waaqayyo Waaqni keenya nuu kenne kam iyyuu ni fudhanna. 25Ati Baalaaq mootii Moʼaab ilma Ziphoori sana ni caaltaa? Inni takkumaa Israaʼel waraaneeraa? Yookaan loleeraa? 26Israaʼeloonni waggaa dhibba sadii Heshboon, Aroʼeer, qubatawwan naannoo sanaatii fi magaalaawwan naannoo Arnoon qabatanii turaniiru. Ati yeroo sanatti maaliif deebiftee hin fudhatin? 27Ani yakka sitti hin hojjenne; ati garuu waraana natti kaasuudhaan na miiteerta. Kanas Waaqayyo, abbaan murtii ammuma kana kaʼee Israaʼelootaa fi Amoonota gidduutti murtii haa kennu.” 28Mootiin Amoonotaa garuu ergaa Yiftaan isatti ergeef gurra hin kennine. 29Kana irratti Hafuurri Waaqayyoo Yiftaa irra buʼe. Innis Giliʼaadii fi Minaasee keessa darbee Miisphaa ishee Giliʼaad keessa jirtu sana keessa qaxxaamuree Amoonotatti duule. 30Yiftaan akkana jedhee Waaqayyoof wareege; “Yoo ati Amoonota dabarsitee harka kootti kennite, 31yommuu ani moʼadhee deebiʼutti wanni mana kootii na simachuudhaaf jalqabatti baʼuu kam iyyuu kan Waaqayyoo ti; anis qalma gubamu godhee isa nan dhiʼeessa.” 32Ergasiis Yiftaan Amoonota waraanuuf baʼe; Waaqayyos isaan dabarsee harka isaatti kenne. 33Innis Aroʼeerii jalqabee magaalaawwan digdama hamma naannoo Miiniititti akkasumas hamma Abeel Keraamiimitti argaman guutumaan guutuutti barbadeesse. Amoononnis akkasiin Israaʼelootaaf bulan. 34Yeroo Yiftaan gara Miisphaatti mana isaatti deebiʼetti, intalli isaa dibbee rukutaa sirbaa isa simachuuf baate! Isheen intala tokkittii inni qabu turte. Inni ishee malee ilmas taʼu intala biraa hin qabu ture. 35Innis yommuu ishee argetti wayyaa isaa tarsaasee, “Wayyoo! Yaa mucattii koo! Na balleessite; dhiphina keessa na galchite; ani wareega cabsuu hin dandeenye Waaqayyoof wareegeeraatii” jedhee booʼe. 36Isheenis akkana jette; “Yaa abbaa ko, ati Waaqayyoof kakatteerta; sababii Waaqayyo diinota kee Amoonota haaloo siif baʼeef, ati waan waadaa galte sana anaan guutadhu. 37Garuu waan tokko naa eeyyami; sababii ani siʼachi hin heerumneef akka ani michoota koo wajjin gaarran irra naannaʼee durbummaa kootiif booʼuuf jiʼa lama naa kenni.” 38Innis, “Dhaquu dandeessa” jedheen. Akka isheen jiʼa lamaaf deemtus eeyyameef. Isheenis waan siʼachi heerumuu hin dandeenyeef dubarran michoota ishee wajjin gaarranitti ol baatee boosse. 39Jiʼa lamaa booddees gara abbaa isheetti deebite; innis akkuma wareege sana godhe. Isheen durba turte. Yeroo sanaa jalqabee wanni kun Israaʼeloota biratti bartee taʼee 40durboonni Israaʼel wagguma waggaan baʼanii guyyaa afur intala Yiftaa namicha Giliʼaad sanaa gaddaan yaadatu.
Copyright information for
GazHAHl