‏ Judges 2

Ergamaa Waaqayyoo Bookiim Keessatti

1Ergamaan Waaqayyoo Gilgaalii Bookiimitti ol baʼee akkana jedhe; “Ani Gibxii isin baasee biyya ani abbootii keessaniif kennuuf kakadhe sanatti isin fideera. Akkanas nan jedhe; ‘Ani kakuu isin wajjin gale sana gonkumaa hin diigu; 2isinis warra lafa kana irra jiraatan wajjin kakuu hin galinaa; iddoo aarsaa isaanii garuu caccabsaa.’ Taʼus isin naaf hin ajajamne. Isin maaliif waan kana gootan? 3Kanaafuu ani amma akka fuula keessan duraa ariʼee isaan hin baafne isinitti nan hima; isaan iddaa isinitti taʼu; waaqonni isaanii immoo kiyyoo isinitti taʼu.”

4Yeroo ergamaan Waaqayyoo waan kana Israaʼeloota hundatti dubbatetti namoonni sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan; 5isaanis iddoo sana Bookiim jedhanii waaman. Achittis Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessan.

Ajajamuu Diduu fi Moʼatamuu

2:6‑9 kwf – Iya 24:29‑31

6Erga Iyyaasuun Israaʼeloota gad dhiisee booddee tokkoon tokkoon isaanii biyyattii dhaaluuf gara dhaala ofii isaanii deeman. 7Uummanni bara jireenya Iyyaasuu guutuu fi bara maanguddoota erga inni duʼee as hafanii jiraatanii waan guddaa Waaqayyo Israaʼeliif godhe argan sunis Waaqayyoon tajaajilan.

8Iyyaasuun ilmi Nuuni garbichi Waaqayyoo waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe. 9Isaanis lafa dhaala isaa Timnaat Herees kan biyya gaaraa Efreemitti karaa kaaba Tulluu Gaʼaashitti argamtu sanatti isa awwaalan.

10Erga dhaloonni sun guutuun gara abbootii isaaniitti walitti qabamanii booddee dhaloonni Waaqayyoon hin beekin yookaan waan inni saba Israaʼeliif godhe hin beekin kan biraa kaʼe. 11Israaʼeloonnis fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; Baʼaaliinis ni tajaajilan. 12Isaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii kan Gibxii isaan baase sana ni dhiisan. Waaqota adda addaa kanneen saboota naannoo isaanii jiraatanii duukaa buʼan; ni waaqeffatanis. Waaqayyonis dheekkamsaaf kakaasan; 13isaan isa dhiisanii Baʼaalii fi Ashtooretin waaqeffataniiruutii. 14Waaqayyos Israaʼelootatti dheekkamee saamtota isaan saamanitti dabarsee isaan kenne. Diinota naannoo isaanii kanneen isaan of irraa ittisuu hin dandeenye hundatti isaan gurgure. 15Yommuu Israaʼeloonni lolaaf baʼanitti akkuma inni duraan kakate sanatti harki Waaqayyoo isaanitti hammaatee akka isaan moʼataman godha ture. Isaanis rakkina guddaa keessa buʼan.

16 Waaqayyos abbootii murtii kanneen saamtota jalaa isaan baasan isaaniif kaase. 17Isaan garuu waaqota biraa wajjin sagaagalanii isaan waaqeffatan malee abbootii murtii sana hin dhaggeeffanne. Karaa abbootiin isaanii Waaqayyoof ajajamuudhaan irra deemaa turan sana irraa dafanii jalʼatan; isaan waan abbootiin isaanii godhan hin goone. 18Waaqayyo yeroo abbaa murtii tokko isaanii kaasetti hamma abbaan murtii sun jirutti isa wajjin jiraatee harka diinota isaanii jalaa isaan baasa ture; Waaqayyo yeroo isaan sababii warra isaan cunqursanii fi warra isaan miidhaniitiin wawwaatanitti garaa laafaaf tureetii. 19Yommuu abbaan murtii sun duʼu garuu isaan waaqota biraa duukaa buʼuudhaan, tajaajiluu fi isaan waaqeffachuudhaan abbootii isaanii iyyuu caalaa gara hamminaatti deebiʼan. Hojii hamminaatii fi mataa jabina isaanii irraas hin deebiʼan ture.

20Kanaafuu Waaqayyo Israaʼelitti akka malee dheekkamee akkana jedhe; “Waan sabni kun kakuu ani abbootii isaatiif gale sana cabsee anas dhagaʼuu dideef, 21ani siʼachi saboota Iyyaasuun yeroo duʼetti isaan gidduutti dhiise sana isaan duraa ariʼee hin baasu. 22Karaa saboota kanaatiinis akka isaan akkuma abbootii isaanii karaa Waaqayyoo eeganii irra deddeebiʼanii fi akka isaan hin eegne ilaaluuf jedhee Israaʼelin nan qora.” 23Kanaafuu Waaqayyo akka saboonni kunneen achumatti hafan eeyyame; harka Iyyaasuuttis dabarsee isaan kennuudhaan dafee achii isaan hin baafne.
Copyright information for GazHAHl