Judges 3
1Saboonni Waaqayyo Israaʼeloota waraana Kanaʼaan keessatti deemsifame kam iyyuu irratti hirmaatanii hin beekin hunda qoruuf jedhee idduma isaan turanitti hambise kanneenii dha; 2innis akka Israaʼeloonni kanaan dura waraana keessatti hirmaatanii hin beekin muuxannoo argataniif waan kana godhe; 3kanneen utuu hin baʼin achumatti hafanis: bulchitoota Filisxeemotaa shanan, Kanaʼaanota hunda, Siidoonotaa fi Hiiwota Tulluu Baʼaal Hermoonii jalqabanii hamma balbala Hamaatitti gaarran Libaanoon gubbaa jiraatanii dha. 4Isaan kunneen warra Israaʼeloonni ajaja Waaqayyoo kan inni karaa Museetiin abbootii isaaniif kennee ture sana eeguu fi eeguu baachuu isaanii ittiin qoramanii ilaalamaniif hambifamanii dha. 5Kanaafuu Israaʼeloonni Kanaʼaanota, Heetota, Amoorota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota gidduu jiraatan. 6Isaanis intallan jaraa fuudhan; intallan ofii isaanii immoo ilmaan isaaniitti heerumsiisan; waaqota isaaniis ni waaqeffatan.Otniiʼeel
7Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; Waaqayyo Waaqa isaanii irraanfatanii Baʼaalii fi Asheeraa waaqeffatan. 8Aariin Waaqayyo Israaʼelootatti bobaʼe; kanaafuu mootii Phaadaan Arraam Kuushan-Rishaataayimitti dabarsee isaan gurgure; Israaʼeloonnis waggaa saddeeti isa jalatti bulan. 9Waaqayyo garuu yeroo isaan gara isaatti iyyatanitti nama isaan furu tokko jechuunis obboleessa Kaaleb quxisuu, Otniiʼeel ilma Qenaz sana akka inni isaan furuuf kaaseef. 10Hafuurri Waaqayyoo isa irra buʼe; kanaafuu inni abbaa murtii Israaʼelootaa taʼee duulaaf baʼe. Waaqayyos Kuushan-Rishaataayim mooticha Phaadaan Arraam sana dabarsee harka Onniiʼelitti kenne; innis isa moʼate. 11Kanaafuu biyyi sun hamma Otniiʼeel ilmi Qenaz duʼutti waggaa afurtama nagaa argate.Naaʼod
12Ammas Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; sababii isaan waan hamaa kana hojjetaniif Waaqayyo akka Egloon mootiin Moʼaab harka isaa isaanitti cimsuuf dabarsee isaan kenne. 13Innis Amoonotaa fi Amaaleqoota walitti qabatee Israaʼeloota waraane; isaanis Magaalaa Meexxii qabatan. 14Israaʼeloonni waggaa kudha saddeet Egloon mootii Moʼaab jalatti bulan. 15Israaʼeloonni ammas gara Waaqayyootti iyyatan; innis nama isaan furu tokko jechuunis Eehuud nama harka bitaachaa, ilma Geeraa sana gosa Beniyaam keessaa isaanii kaase. Israaʼeloonnis akka inni Egloon mootii Moʼaab sanaaf gibira geessu Naaʼodin ergan. 16Eehuudis goraadee gama lamaan qara qabu kan meetira walakkaa dheeratu tolfatee uffata isaa jalaan tafa mirgaatti hidhate. 17Gibira sana Egloon mooticha Moʼaab namicha akka malee furdaa ture sanaaf dhiʼeesse. 18Naaʼod erga gibira sana dhiʼeessee booddee namoota baataniifii dhufan geggeesse. 19Inni garuu iddoo dhagaan baafamu kan Gilgaal biratti argamu bira gaʼee duubatti deebiʼuudhaan, “Yaa mootii ani waan dhoksaatti sitti himu tokko qaba” jedhe. Mootichis, “Calʼisaa!” jedhe; warri isa bira turan hundinuus isa dhiisanii baʼan. 20Utuu mootichi kutaa mana isaa iddoo qabbanaaʼaa tokko kophaa isaa taaʼee jiruu Eehuud itti dhiʼaatee, “Ani ergaa Waaqa biraa siif ergame qaba” jedheen. Egloonis teessoo isaa irraa ol kaʼe; 21Eehuud harka isaa bitaa diriirsee tafa mirga isaa irraa goraadee luqqifatee garaa mootichaa keessa fullaase. 22Qabannoon isaas utuu hin hafin garaa seenee sibiilli isaa duubaan baʼe. Naaʼod goraadicha garaa mootichaa keessaa hin buqqifne; moorris goraadee sana haguugee ture. 23Ergasiis Eehuud Egloonitti balbala cufee karaa borootiin baʼee qajeele. 24Erga Eehuud deemee booddee tajaajiltoonni mootichaa dhufan; balbala kutaa mana ol aanuus akkuma inni cufamee jirutti argan. Isaanis, “Tarii inni mana boolii gad taaʼee jira taʼa” jedhan. 25Hamma dadhabanittis eegan; garuu waan inni utuu balbala hin banin tureef furtuu fudhatanii balbala banan. Kunoo gooftaan isaanii duʼee lafa irra diriiree ture. 26Utuma isaan dhaabatanii eegaa jiranuu Eehuud fagaatee deeme. Karaa lafa dhagaan itti soofamuutiin darbee gara Seʼiiraatti baqate. 27Innis yommuu achi gaʼetti biyya gaaraa Efreem keessatti malakata afuufe; Israaʼeloonnis hooggantummaa isaatiin biyya gaaraa sana irraa isa wajjin gad buʼan. 28Eehuudis, “Diina keessan Moʼaabin Waaqayyo dabarsee harka keessanitti isinii kenneeraatii na duukaa buʼaa!” jedheen. Isaanis malkaa Yordaanos kan gara Moʼaabitti geessu sana qabatanii nama tokko illee achiin darbuu dhowwan. 29Yeroo sanatti Moʼaabota hundi isaanii jajjaboo fi humna qabeeyyii taʼan kuma kudhan fixan; namni tokko iyyuu isaan jalaa hin baane. 30Gaafa sana Moʼaab harka Israaʼelitti galfamte; biyyattiinis waggaa saddeettamaaf nagaa argatte.Shamgaar
31Eehuuditti aanee Shamgaar ilmi Anaat kaʼe; innis ulee ittiin qotiyyoo tuttuqaniin Filisxeemota dhibba jaʼa fixe. Akkasiinis Israaʼeloota baraare.
Copyright information for
GazHAHl