Judges 5
Faarfannaa Debooraa
1Gaafas Debooraa fi Baaraaqi ilmi Abiinooʼam akkana jedhanii faarfatan: 2“Yommuu ilmaan moototaa Israaʼelin hoogganan,yommuu sabni Israaʼelis jaallatee of kennutti
Waaqayyoon galateeffadhaa!
3“Yaa mootota, waan kana dhagaʼaa! Bulchitoonnis dhaggeeffadhaa!
Waaqayyoon nan faarfadha; amma illee nan faarfadha;
Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif nan weeddisa.
4“Yaa Waaqayyo, yeroo ati biyya Seeʼiirii baate,
yeroo ati biyya Edoomii kaate,
lafti ni sochoote; samiiwwanis bokkaa,
duumessoonnis bishaan gad roobsan.
5Tulluuwwan fuula Waaqayyo Waaqa Siinaa duratti,
fuula Waaqayyo Waaqa Israaʼel duratti ni raafaman.
6“Bara Ilma Anaat, jabana Shamgaar,
bara Yaaʼeel keessa daandiiwwan ni onan;
karaa deemtonnis daandii jajalʼaa irra deeman.
7Hamma ani Debooraan,
haadha taʼee Israaʼeliif kaʼutti,
gandoonni Israaʼel duwwaa hafu.
8Yommuu isaan waaqota haaraa filatanitti,
waraanni hamma karra magaalaatti dhufe;
gaachanni yookaan eeboon tokko,
Israaʼeloota kuma afurtama gidduutti hin argamne.
9Garaan koo bulchitoota Israaʼel kanneen fedhiidhaan
saba gidduutti argaman wajjin jira.
Waaqayyoon leellisaa!
10“Isin warri harroota adaadii yaabbatan,
warri kooraa baladii qabu irra teessan,
warri karaa irra deemtan hubadhaa;
11sagalee faarfattootaa dhagaʼaa.
Isaan hojii qajeelummaa Waaqayyoo,
hojii qajeelummaa loltoonni isaa Israaʼel keessatti godhan odeessu.
“Ergasii saboonni Waaqayyoo,
gara karra magaalattiitti gad buʼan.
12‘Yaa Debooraa! Dammaqi; dammaqi;
dammaqi; dammaqi; faarfannaas faarfadhu!
Yaa Baaraaqi! Dammaqi;
yaa ilma Abiinooʼam boojiʼamtoota kee boojiʼii fudhadhu.’
13“Namoonni hafanis, gara warra gurguddaatti gad buʼan;
sabni Waaqayyoos, akka loltuu jabaatti gara koo dhufe.
14Warri hiddi isaanii Amaaleq keessa jiru tokko tokkos Efreem dhufan;
Beniyaamis namoota si duukaa buʼan wajjin ture.
Ajajjoonni loltoota Maakiir,
warri bokkuu ajajjuu qabatanis Zebuuloonii gad buʼan.
15Hangafoonni Yisaakor Debooraa wajjin turan;
Yisaakoris Baaraaqi wajjin ture;
innis Baaraaqi wajjin gara sululaatti gad buʼe.
Gosa Ruubeen gidduu,
qorannoo yaadaa guddaatu ture.
16Ati maaliif marʼachuu isaanii dhagaʼuuf jettee
gola bushaayee keessa turte?
Gosa Ruubeen gidduu,
qorannoo yaadaa guddaa isaatu ture.
17Giliʼaad Yordaanos gama taaʼe;
Daan maaliif dooniiwwan keessatti hafe?
Aasheer qarqara galaanaatti hafe;
buufata isaa keessas ture.
18Sabni Zebuuloon duʼaaf of saaxile;
Niftaalemis gaarran biyya isaa irratti akkasuma godhe.
19“Mootonni dhufanii lolan;
mootonni Kanaʼaanis Taʼanaakitti
bishaanota Megidoo biratti lolan;
boojuu meetii tokko illee hin fudhanne.
20Samii keessaa urjiiwwan ni lolan;
adeemsa isaanii irrattis Siisaaraadhaan lolan.
21Lagni durii, lagni Qiishoon,
lagni Qiishoon sun haxaaʼee isaan fudhate.
Yaa lubbuu ko, jabaadhuu fuul duratti deemi!
22Kotteen fardeenii guddisee didiche;
ni gulufan; jabeessaniis gulufan.
23Ergamaan Waaqayyoos, ‘Meerozin abaaraa.
Saba ishees jabeessaatii abaaraa;
akka Waaqayyo warra jajjabootti kaʼu gargaaruudhaaf,
isaan Waaqayyoon gargaaruudhaaf hin dhufneetii’ jedhe.
24“Yaaʼeel niitiin Hebeer Qeenichaa sun
dubartoota hunda keessaa haa eebbifamtu;
isheen dubartoota dunkaana keessa jiraatan hunda keessaa haa eebbifamtu.
25Inni bishaan kadhate; isheen immoo aannan kenniteef;
qabee ulfinaatti itittuu dhiʼeessiteef.
26Harka ishee gara qofoo dunkaanaatti hiixatte;
harka ishee mirgaatiin burruusa fudhatte;
isheenis Siisaaraa dhooftee mataa isaa buruqsite;
waraantees illee isaa keessa fullaafte.
27Innis miilla ishee jalatti gombifame;
kufee diriires.
Miilla ishee jalatti gombifame; ni kufe;
iddoo gombifamettis kufee duʼe.
28“Haati Siisaaraa foddaa keessaan gad ilaalte;
qaawwa keessaanis iyyitee,
‘Gaariin isaa maaliif dhufuuf lafa irra harkifate?
Didichuun gaariiwwan isaa maaliif ture?’ jette.
29Dubartoota ishee keessaa isheen ogeettiin deebii kenniteef;
taʼus isheen ofuma isheetiin deebiftee,
30‘Isaan boojuu argatanii addaan qoodachuutti jiru mitii?
Tokkoon tokkoon namaa dubartii tokko tokko
yookaan lama lama argata mitii?
Siisaaraadhaaf uffanni boojuu kan halluudhaan faayeffame,
uffanni halluudhaan miidhagfamee hodhame,
morma kootiif immoo uffata akka malee
miidhagfamee hodhame qoodu mitii?
Kun hundi boojuu dha.’
31“Kanaafuu yaa Waaqayyo, diinonni kee hundi haa barbadaaʼani!
Warri si jaallatan garuu akka biiftuu,
ishee humna guutuun baatu sanaa haa taʼan.”
Ergasii biyyattiin waggaa afurtama nagaa argatte.
Copyright information for
GazHAHl