‏ Judges 9

Abiimelek

1Abiimelek ilmi Yerub-Baʼaal gara obboloota haadha isaa kanneen Sheekem keessa jiraatanii dhaqee isaanii fi gosa haadha isaa hundaan akkana jedhe; 2“Jiraattota Sheekem hundumaan, ‘Kam isinii wayya? Yoo ilmaan Yerub-Baʼaal torbaatamni isin bulchan moo yoo namni tokko isin bulche wayya?’ jedhaa gaafadhaa. Akka ani foonii fi dhiiga keessan taʼe immoo yaadadhaa.”

3Obboloonni haadha isaas dubbii kana gurra Sheekemotaatiin gaʼan; garaan isaaniis gara Abiimelek goruu kajeele; isaan, “Inni obboleessa keenya” jedhaniiruutii. 4Isaanis mana sagadaa Baʼaal Beriit keessaa meetii gara giraamii dhibba saddeet ulfaatu kennaniif; Abiimelekis meetii sanaan kashlabboota isa faana buʼan qaxarate. 5Gara mana abbaa isaa kan Ofraatti argamuu dhaqee obboloota isaa ilmaan Yerub-Baʼaal torbaatama dhagaa tokko irratti qale. Yootaam ilmi Yiruubaʼaal quxisuun garuu dhokatee isa jalaa miliqe. 6Namoonni Sheekemii fi Beet Miiloo hundi Abiimelekin moosisuuf jedhanii Sheekemitti utubaa mukaa guddaa tokko biratti walitti qabaman.

7Yootaam yommuu wanni kun itti himametti fiixee Gaara Gerziimitti ol baʼee sagalee guddaadhaan akkana isaaniin jedhe; “Yaa jiraattota Sheekem, akka Waaqni isin dhagaʼuuf na dhaggeeffadhaa. 8Gaaf tokko mukkeen mootii moosifachuuf baʼan; isaanis muka ejersaatiin, ‘Mootii nuu taʼi’ jedhan.

9“Mukni ejersaa garuu, ‘Ani mukkeen hundaa olitti raafamuudhaaf jedhee zayitii koo kan Waaqnii fi namni ittiin kabajaman dhowwadhuu ree?’ jedhee deebise.

10“Itti aansaniis mukkeen muka harbuutiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.

11“Mukni harbuu garuu deebisee, ‘Ani mukkeen hundaa olitti baʼee raafamuuf jedhee ija koo miʼaawaa fi gaarii sana kennuu dhiisuu ree?’ jedhe.

12“Mukkeenis muka wayiniitiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.

13“Mukni wayinii garuu deebisee, ‘Ani mukkeen hundaa olitti baʼee raafamuuf jedhe daadhii wayinii kootii kan Waaqaa fi nama gammachiisu sana kennuu dhiisuu?’ jedhe.

14“Dhuma irrattis mukkeen hundi muka qoraattiitiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.

15“Mukni qoraattiis mukkeeniin, ‘Isin yoo dhugumaan na moosifachuu feetan, kottaatii gaaddisa koo jalatti daʼeeffadhaa; yoo akkas taʼuu baate garuu ibiddi muka qoraattii keessaa baʼee birbirsa Libaanoon haa barbadeessu!’ jedhe.

16“Egaa isin Abiimelekin moosisuun keessan yoo karaa dhugaatii fi amanamummaan taʼe, yoo Yerub-Baʼaalii fi maatii isaatiif waan gaarii gochuuf taʼe, yoo waan isaaf malu isaaf gochuuf taʼe, 17abbaan koo lubbuu isaa duʼaaf saaxilee harka Midiyaanotaa jalaa isin baasuuf isinii loleeraatii; 18isin garuu harʼa maatii abbaa kootti kaatanii ilmaan isaa jechuunis nama torbaatama dhagaa tokko irratti qaltan; sababii inni fira keessan taʼeef Abiimelek ilma garbittii sana namoota Sheekem irratti moosiftan; 19egaa yoo isin harʼa dhugaa fi amanamummaadhaan Yerub-Baʼaalii fi maatii isaatiif waan gaarii gootan, isin Abiimelekitti gammadaa; innis isinitti haa gammadu! 20Akkas taʼuu baannaan garuu ibiddi mana Abiimelekii baʼee namoota Sheekemii fi Beet Miiloo haa fixu; akkasumas ibiddi namoota Sheekemii fi Beet Miiloo biraa baʼee Abiimelekin haa balleessu!”

21Yootaamis Biʼeeritti baqatee sababii obboleessa isaa Abiimelekin sodaateef achuma jiraate.

22Erga Abiimelek waggaa sadii Israaʼel bulchee booddee, 23Waaqnis Abiimelekii fi namoota Sheekem gidduutti hafuura hamaa erge; Sheekemonnis Abiimelekitti daba hojjetan. 24Waaqnis yakka ilmaan Yerub-Baʼaal torbaataman sanatti hojjetamee fi dhiiga isaanii kan dhangalaafame sanaaf, Abiimelek obboleessa isaanii kan isaan qale sanaa fi namoota Sheekem kanneen akka inni obboloota isaa fixuuf isa gargaaran sana haaloo baʼuuf waan kana godhe. 25Namoonni Sheekemis akka isaan riphanii isa eegataniif fiixee gaaraa irra namoota kaaʼatan; isaanis nama achiin darbu hunda saamaan; wanni kunis Abiimelekitti odeeffame.

26Yeroo kanatti Gaʼaal ilmi Ebeed obboloota isaa wajjin gara Sheekem dhufe; Sheekemonnis isa abdatan. 27Isaanis erga gara lafa qotiisaa wayiniitti baʼanii wayinii walitti qabatanii booddee cuunfanii galma waaqa tolfamaa isaaniitti ayyaana ayyaaneffatan. Nyaatanii dhuganiis Abiimelekin abaaran. 28Gaʼaal ilmi Ebeedis akkana jedhe; “Akka nu isaaf bulluuf Abiimelekii fi Sheekem eenyu? Abiimelek ilma Yerub-Baʼaal mitii? Zebulis itti aanaa isaa mitii? Isin namoota Hamoor abbaa Sheekem tajaajilaa! Nu maaliif Abiimelekin tajaajillaa? 29Utuu sabni kun ajaja koo jala jiraatee silaa ani Abiimelekin lafa irraa nan balleessa ture; ‘Waraana kee dabaladhuutii gad baʼi!’ isaan nan jedhas ture.”

30Zebul bulchaan magaalattii yeroo waan Gaʼaal ilmi Ebeed jedhe dhagaʼetti akka malee aare. 31Akkana jedhees dhoksaadhaan gara Abiimelekitti ergamoota erge; “Gaʼaal ilmi Ebeedii fi obboloonni isaa gara Sheekem dhufanii saba magaalaa sitti kakaasaa jiru. 32Kanaafuu atii fi namoonni kee halkaniin baatanii lafa qotiisaa keessa riphuu qabdu. 33Ganama akkuma aduun baateenis magaalaa sana cabsaa seenaa. Yommuu Galaʼaalii fi namoonni isaa sitti dhufanittis waan harki kee hojjechuu malu kam iyyuu hojjedhu.”

34Abiimelekis namoota isa wajjin turan hunda wajjin halkaniin kaʼee garee afuritti qoodamuudhaan Sheekemitti dhiʼaatee riphe. 35Akkuma Gaʼaal ilmi Ebeed baʼee karra magaalaa sanaa irra dhaabateen, Abiimelek namoota isaa wajjin iddoo riphee ture sanaa itti gad baʼe.

36Gaʼaal yommuu isaan argetti Zebuliin, “Kunoo namoonni fiixee gaarranii irraa gad dhufaa jiru!” jedhe.

Zebulis deebisee, “Gaaddisa tulluuwwaniitu namoota sitti fakkaate” jedheen.

37Gaʼaal garuu ammas deebisee, “Ilaali; namoonni handhuura lafaatii dhufaa jiru; gareen tokkos karaa muka abdaariitiin dhufaa jira” jedhe.

38Zebulis, “Ati kan, ‘Akka nu isaaf bulluuf Abiimelek kun eenyu?’ jette, oduun kee sun amma meerre? Namoonni ati tuffatte isaan kana mitii? Mee baʼiitii jara loli kaa!” jedheen.

39Kanaafuu Gaʼaal namoota Sheekem hoogganee Abiimelekin loluuf baʼe. 40Abiimelekis isa ariʼe; innis duraa baqate; namoonni baayʼeenis madaaʼanii hamma karra magaalattiitti harcaʼan. 41Abiimelek Aruumaa keessa ture; Zebul immoo Gaʼaalii fi obboloota isaa ariʼee Sheekem keessaa baase.

42Guyyaa itti aanu namoonni Sheekem dirreetti baʼan; wanni kunis Abiimelekitti himame. 43Innis namoota isaa fudhatee garee sadiitti qoodee dirree irratti riphee eeggate. Yeroo namoota magaalaa kaʼanii dhufaa jiran argettis isaan loluudhaaf kaʼe. 44Abiimelekii fi gareen isa wajjin turan gara karra magaalattiitti gugatan. Gareen hafan lamaan immoo gara warra dirree irratti baʼanii turaniitti fiiganii isaan fixan. 45Abiimelek gaafas guyyaa guutuu lolee magaalattii qabate; jiraattota ishees fixee magaalattii illee barbadeessee soogidda itti facaase.

46Namoonni gamoo Sheekem keessa jiraatan yommuu waan kana dhagaʼanitti gara daʼannoo mana sagadaa Elbiriititti ol galan. 47Abiimelekis yommuu akka namoonni Sheekem achitti walitti qabaman dhagaʼetti, 48namoota isaa hundumaa wajjin Tulluu Zalmoonitti ol baʼe. Abiimelekis qottoo harkatti qabatee dameewwan mukaa mummuree ol fuudhee gatiittii isaatti baate. Namoota isa wajjin jiraniinis, “Dafaa! Waanuma anaa godhu argitan sana godhaa!” jedhe. 49Namoonni hundinuus dameewwan mukaa mummuratanii Abiimelekin duukaa buʼan. Dameewwan sanas daʼannoo Sheekemonni itti baqatan sanatti irkisanii ibidda itti qabsiisan. Kanaafuu namoonni gamoo Sheekem keessa turan hundinuu dhiironnii fi dubartoonni gara kuma tokko taʼan dhuman.

50Ergasiis Abiimelek gara Tebez dhaqee magaalaa sana marsee qabate. 51Taʼus waan gamoon jabaan tokko magaalaa sana keessa tureef jiraattonni magaalaa sanaa dhiiraa dubartiin utuu hin hafin itti baqatan. Keessaanis ofitti cufanii bantii isaatti ol baʼan. 52Abiimelekis dhufee gamoo sana dhaʼe; yommuu inni ibiddaan gubuudhaaf balbala gamoo sanaatti dhiʼaatetti garuu, 53dubartiin tokko gubbaadhaa majii dhagaa itti gad dhiiftee buqqee mataa isaa cabsite.

54Innis dafee dargaggeessa miʼa lolaa baatuuf tokko waamee, “Akka isaan, ‘dubartiitu isa ajjeese’ jechuu hin dandeenyeef goraadee kee luqqifadhuu na ajjeesi” jedheen. Kanaafuu dargaggeessi sun isa waraane; innis ni duʼe. 55Israaʼeloonnis yommuu akka Abiimelek duʼe arganitti gara mana isaaniitti deebiʼan.

56Akkasiin Waaqni hammina Abiimelek obboloota isaa torbaatama qaluudhaan abbaa ofiitti hojjeteef gatii hojii isaa kenneef. 57Akkasumas Waaqni hammina namoonni Sheekem hojjetan hunda matuma isaaniitti deebise. Abaarsi Yootaam ilma Yerub-Baʼaalis isaan irra gaʼe.
Copyright information for GazHAHl