‏ Lamentations 3

1Namni ulee dheekkamsa isaatiin
rakkina arge anaa dha.
2Inni fuula isaa duraa na ariʼee
akka ani qooda ifaa dukkana keessa deemu na godhe;
3dhugumaan inni guyyaa guutuu,
ammumaa amma harka isaa natti deebise.

4Inni foon kootii fi gogaa koo dulloomseera;
lafee koo illee caccabseera.
5Inni na marsee hadhaaʼummaa fi
gidiraa natti naannesseera.
6Akkuma warra dur dhumanii
akka ani dukkana keessa jiraadhu na godhe.

7Inni akka ani hin miliqneef dallaa natti ijaare;
foncaa ulfaatus natti feʼe.
8Yommuu ani waammadhu yookaan gargaarsaaf iyyadhutti illee
inni kadhannaa koo dhagaʼuu dida.
9Karaa koo dhagaa soofameen cufe;
daandii koo illee ni jalʼisa.

10Inni akkuma amaaketa riphee waa eeggatuu,
akkuma leenca dhokatee jiruu
11daandii irraa na harkisee na ciccire;
kophaatti na gate.
12Inni iddaa isaa luqqifatee
xiyya isaa natti qabe.

13Korojoo isaa keessaa xiyya baasee
onnee koo waraane.
14Ani saba koo hundaaf waan kolfaa nan taʼe;
isaan guyyaa guutuu faaruudhaan natti qoosu.
15Inni waan hadhaaʼaa na nyaachise;
hadhooftuu illee na quubse.

16Inni dhagaadhaan ilkaan koo cabse;
awwaara keessattis na dhidhiite.
17Ani nagaa nan dhabe;
gammachuun maal akka taʼes nan irraanfadhe.
18Kanaafuu ani “Ulfinni koo,
abdiin ani Waaqayyo irraa qabu hundinuu badeera” nan jedhe.

19Ani rakkinaa fi asii achi jooruu koo,
hadhaaʼummaa fi hadhooftuus nan yaadadha.
20Lubbuun koo yeroo hunda waan kana yaaddi;
na keessattis gad of qabdi.
21Taʼus ani waan kana nan qalbeeffadha;
kanaafuu ani abdii qaba.

22Nu sababii jaalala Waaqayyoo guddaa sanaatiif hin badnu;
gara laafinni isaa hin dhumuutii.
23Isaan ganama hunda haaraa dha;
amanamummaan kees guddaa dha.
24Anis, “Waaqayyo qooda koo ti;
kanaafuu ani isa nan eeggadha” ofiin nan jedha.

25 Waaqayyo warra isa abdataniif,
kanneen isa barbaadaniif gaarii dha;
26Fayyisuu Waaqayyoo
calʼisanii eeggachuun gaarii dha.
27Yeroo dargaggummaa isaatti
waanjoo baachuun namaaf gaarii dha.

28Inni kophaa isaa calʼisee haa taaʼu;
Waaqayyo isa baachiseeraatii.
29Amma illee abdiin ni jira taʼaatii,
inni fuula isaa awwaara keessa haa suuqqatu.
30Inni nama isa dhaʼutti maddii isaa haa qabu;
salphinaanis haa guutamu.

31Gooftaan bara baraan
nama hin gatuutii.
32Inni gadda fidu illee garaa ni laafa;
jaalalli isaa kan hin geeddaramne sun guddaadhaatii.
33Inni itti yaadee rakkina
yookaan dhiphina sanyii namaatti hin fiduutii.

34Yommuu hidhamtoonni biyyattii keessa jiran hundi
miilla jalatti dhidhiitaman,
35yommuu fuula Waaqa Waan Hundaa Olii duratti
mirgi nama tokkoo dhiibamu,
36yommuu murtiin qajeelaan dhabamu,
Gooftaan waan akkasii hin arguu?

37Yoo Gooftaan ajajuu baate
eenyutu dubbatee waan sana fiixaan baasuu dandaʼa?
38Wanni hamaanii fi wanni gaariin
afaanuma Waaqa Waan Hundaa Oliitii baʼa mitii?
39Yoos namni lubbuun jiraatu kam iyyuu
maaliif yommuu cubbuu isaatiif

adabamutti guunguma ree?

40Kottaa nu daandii keenya qorree haa ilaallu;
gara Waaqayyoottis haa deebinu.
41Nu onnee keenyaa fi harka keenya
gara Waaqa samii keessa jiruutti ol qabnee akkana haa jennu:
42“Nu cubbuu hojjenneerra; fincilleerras;
atis nuuf hin dhiifne.

43“Ati dheekkamsaan of haguugdee nu ariite;
gara laafina malees nu fixxe.
44Akka kadhannaan tokko iyyuu gara kee hin dhufneef
ati duumessaan of haguugde.
45Ati saboota gidduutti
xurii fi kosii nu goote.

46“Diinonni keenya hundinuu,
afaan nutti banataniiru.
47Sodaa fi kiyyoon,
diigamuu fi badiisni nutti dhufeera.”
48Sababii uummanni koo barbadaaʼeef
lolaan imimmaanii ija koo keessaa yaaʼa.

49Iji koo boqonnaa malee
utuu gargar hin kutin imimmaan lolaasa;
50kunis hamma Waaqayyo
ol samiidhaa gad ilaalee argutti.
51Sababii dubartoota magaalaa koo hundaatiif
wanni ani argu lubbuu koo gaddisiisa.

52Warri sababii malee diina natti taʼan
akkuma simbiraa na adamsan.
53Isaan lubbuu koo boolla keessatti galaafatanii
dhagaa natti garagalchuu yaalan;
54bishaan mataa koo irra gara gale;
anis, “Baduu koo ti” nan jedhe.

55Yaa Waaqayyo, ani boolla qilee keessaa
maqaa kee nan waammadha.
56Ati kadhannaa koo kan,

“Iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyu
dhagaʼuu hin didin” jedhu dhageesseerta.
57Yeroo ani si waammadhetti ati natti dhiʼaattee
“Hin sodaatin” naan jette.

58Yaa gooftaa ati dubbii koo naa falmite;
lubbuu koos ni baraarte.
59Yaa Waaqayyo, ati daba natti hojjetame argiteerta;
dubbii koo naa ilaali!
60Ati haaloo baʼuu isaaniitii fi
natti malachuu isaanii hundas argiteerta.

61Yaa Waaqayyo, ati arraba isaaniitii fi
natti malachuu isaanii hunda dhageesseerta;
62kunis arraba warra natti kaʼaniitii fi
waan isaan guyyaa guutuu waaʼee koo hasaasanii dha.
63Ati isaan ilaali! Isaan taaʼanii yookaan dhadhaabatanii
weedduu isaaniitiin natti qoosu.

64Yaa Waaqayyo, waan isaaniif malu
akkuma hojii harka isaaniitti deebisii kenniif.
65Onnee isaanii haguugi;
abaarsi kees isaan irra haa buʼu!
66Samiiwwan Waaqayyoo jalaa
dheekkamsaan isaan ariʼii isaan balleessis.
Copyright information for GazHAHl