‏ Lamentations 4

1Warqeen akkamitti boorrajjaaʼe?
Warqeen qulqulluunis akkamitti geeddarame!
Dhagaawwan iddoo qulqulluu
fiixee daandiiwwan hundaa irratti bibittinnaaʼaniiru.

2Ilmaan Xiyoon kanneen akka
warqee qulqulluutti ilaalamaa turan sun
amma akkamitti akka okkotee supheetti,
akka hojii suphee dhooftuutti ilaalamu!

3Waangoonni iyyuu ilmaan isaanii hoosisuuf
harma isaanii ni kennu;
sabni koo garuu akkuma guchii gammoojjii
gara jabeessa taʼeera.

4Sababii dheebuutiif arrabni daaʼimmanii
laagaatti maxxana;
ijoolleen buddeena kadhatti:
garuu namni isaaniif kennu tokko iyyuu hin jiru.

5Warri dur cidha nyaachaa turan,
rakkatanii daandii irra jiru.
Warri dur uffata diimaa dhiilgee uffachaa turan
harʼa tuullaa dikee hammatu.

6Adabbiin yakka saba koo
adabbii yakka Sodoom
kan utuu harki nama ishee gargaaruuf hin tuqin
tasa badde sanaa caalaa guddaa ture.

7Ilmaan mootota isaanii cabbii caalaa qulqulluu,
aannan caalaa adaadii turan;
dhagni isaanii lula diimaa caalaa diimaa,
bifti isaanii immoo sanpeer fakkaata ture.

8Amma garuu qaqaa caalaa gurraachaʼaniiru;
daandii irrattis namni isaan hubatu hin jiru.
Gogaan isaanii lafee isaaniitti maxxaneera;
akka mukaas gogeera.

9Warra beelaan dhumanii mannaa,
warra goraadeedhaan ajjeefaman wayya;
Isaan waan nyaatamu lafa qotiisaa irraa dhabanii
beelaan alatti goggoganii dhumu.

10Yeroo sabni koo dhumetti
dubartoonni gara laafoon harkuma isaaniitiin
akka nyaata isaanii taʼaniif
ijoollee ofii affeelan.

11 Waaqayyo dheekkamsa isaa guutuu gad dhiise;
aarii isaa sodaachisaa sanas ni dhangalaase.
Xiyoon keessattis
ibidda hundeewwan ishee barbadeessu qabsiise.

12Akka diinonni yookaan amajaajonni
karrawwan Yerusaalem seenuu dandaʼan,
mootonni biyya lafaa
yookaan sabni addunyaa tokko iyyuu hin amanne.

13Garuu wanni kun sababii cubbuu
raajota isheetii fi balleessaa luboota ishee
kanneen ishee keessatti dhiiga qajeelotaa
dhangalaasan sanaatiif taʼe.

14Isaan akkuma jaamotaa
daandii irra gatantaru.
Hamma namni tokko iyyuu wayyaa isaanii tuquu hin dandeenyetti
akka malee dhiigaan xuraaʼaniiru.

15Namoonnis, “Isin xuraaʼoo dha! Asii badaa!
Badaa! Badaa! Nu hin tuqinaa!” jedhanii isaanitti iyyu.
Yommuu baqatanii asii fi achi jooranittis
saboonni Namoota Ormaa gidduu jiran,
“Isaan siʼachi as jiraachuu hin dandaʼan” jedhu.

16 Waaqayyo mataa isaatu isaan bittinneesse;
inni siʼachi isaan hin eegu.
Luboonni hin kabajamne;
maanguddoonni surraa hin arganne.

17Akkasumaan gargaarsa eeggachuudhaan
iji keenya dadhabe;
gamoo keenya irra teenyee
saba nu baasuu hin dandeenye irraa gargaarsa eegganne.

18Akka nu daandii keenya irra deemuu hin dandeenyeef
namoonni tarkaanfii keenya eegu.
Dhumni keenya dhiʼaateera;

guyyoonni keenyas gabaabataniiru;
badiisni keenya dhufeeraatii.

19Warri nu ariʼan
risaa samii caalaa saffisu;
isaan tulluuwwan irraa nu ariʼanii
gammoojjii keessatti riphanii nu eeggatu.

20Hafuurri lubbuu keenyaa kan Waaqayyo dibe,
kiyyoo isaaniitiin qabame.
Nu waan gaaddidduu isaa jala,
Namoota Ormaa gidduu jiraannu seenee turre.

21Yaa Intala Edoom kan biyya Uuzi keessa jiraattu
ati ililchi, gammadis.
Garuu xoofoon sun siifis ni kennama;
atis machooftee qullaa kee hafta.

22Intala Xiyoon adabamuun kee ni dhuma;
inni bara boojiʼamuu keetii hin dheeressu.
Garuu yaa Intala Edoom, inni cubbuu kee ni adabe;
hammina kees ifatti baasa.
Copyright information for GazHAHl