‏ Lamentations 5

1Yaa Waaqayyo, waan nurra gaʼe yaadadhu;
ilaali; salphina keenyas argi.
2Handhuuraan keenya alagootaaf,
manneen keenyas Namoota Ormaatiif

dabarfamanii kennamaniiru.
3Nu ijoollee abbaa hin qabne taane;
haadhonni keenya immoo

haadhota hiyyeessaa taʼaniiru.
4Nu bishaan dhugnuuf kaffaluu qabna turre;
qoraan illee bittaa qofaan arganna.
5Warri nu ariʼan koomee keenya bira jiru;
nu dadhabneerra; boqonnaas hin qabnu.
6Nu buddeena gaʼaa argachuuf jennee
warra Gibxittii fi warra Asooritti harka kennine;
7Abbootiin keenya cubbuu hojjetanii darban;
nu immoo adabbii isaanii baanne.
8Garbootatu nu bulcha;
namni harka isaaniitii bilisa nu baasu tokko iyyuu hin jiru.
9Sababii goraadee gammoojjii jiruutiin
lubbuu keenya balaaf saaxillee buddeena arganna.
10Gogaan keenya sababii beelaatiin
akkuma badaa ibiddaa hoʼa.
11Xiyoon keessatti dubartoonni,
magaalaawwan Yihuudaa keessattis dubarran qulqulluun

humnaan gudeedaman.
12Ilmaan moototaa harka isaaniitiin fannifamaniiru;
maanguddoonni ulfina hin arganne.
13Gaʼeessonni akka midhaan daakan dirqisiifaman;
ijoolleen dhiiraa muka baachuun gatantaran.
14Maanguddoonni karra magaalaa duraa deemaniiru;
dargaggoonnis weedduu isaanii dhiisaniiru.
15Gammachuun garaa keenya keessaa badeera;
shuubbisuun keenyas booʼichatti geeddarameera.
16Gonfoon mataa keenya irraa buʼeera.
Nuuf wayyoo; nu cubbuu hojjenneerraatii!
17Sababii waan kanaatiif onneen keenya ni gaggabe;
sababii waan kanaatiif immoo iji keenya dadhabe;
18Tulluun Xiyoon kan onee hafe sun
lafa waangoonni irra burraaqan taʼeeraatii.

19Yaa Waaqayyo, ati bara baraan bulchi;
teessoon kees dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.
20Ati maaliif guutumaan guutuutti nu irraanfatta?
Maaliif bara dheeraas nu dhiifta?
21Yaa Waaqayyo, akka nu deebinuuf ofitti nu deebisi;
bara keenya illee akkuma duriitti haaromsi.
22Ati yoo guutumaan guutuutti nu gatuu baatte,
yoo akka malees nutti dheekkamuu baatte waan kana godhi.
Copyright information for GazHAHl