Leviticus 23:23-25
Ayyaana Malakataa
23:23‑25 kwf – Lak 29:1‑6
23 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 24“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Isin guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti sanbata boqonnaa qabaadhaa; yaaʼii qulqulluu sagalee malakataatiin ayyaaneffamus qabaadhaa. 25Aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa malee hojii idilee hin hojjetinaa.’ ”
Copyright information for
GazHAHl