Luke 11:17-22
17Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedheen; “Mootummaan gargar of qoodu kam iyyuu ni diigama; manni gargar of qoodus ni jiga. 18Seexanni yoo gargar of qoode, mootummaan isaa akkamitti dhaabachuu dandaʼa? Wanni ani akkana jedhuuf sababii isin akka waan ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasuu dubbattaniif. 19Egaa yoo ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasee, ilmaan keessan immoo maaliin baasu ree? Kanaafuu isaan abbootii murtii isinitti taʼu. 20Garuu ani quba Waaqaatiin hafuurota hamoo baasa taanaan, yoos mootummaan Waaqaa isinitti dhufeera. 21 “Yommuu namni jabaan guutummaatti miʼa lolaa hidhate tokko mana isaa eeggatutti, qabeenyi isaa nagaadhaan taaʼaaf. 22Garuu namni jabinaan isa caalu tokko yoo lolee isa moʼate, miʼa lolaa kan namichi sun amanate sana isa irraa fudhatee boojuu isaas qoqqooda.
Copyright information for
GazHAHl