‏ Luke 11:24-26

24 “Hafuurri xuraaʼaan yommuu nama keessaa baʼutti, boqonnaa barbaacha lafa gogaa
Lafti gogaan akka waan jireenya hafuurota hamootiif mijaaʼaa taʼeetti herregama ture (Isa 13:21‑22; 34:14 ilaalaa).
keessa joora; garuu hin argatu. Innis, ‘Mana koo isa ani keessaa baʼe sanatti nan deebiʼa’ jedha.
25Yommuu achi gaʼuttis manicha haramee qulqulleeffamee argata. 26Ergasiis dhaqee hafuurota biraa torba kanneen isa caalaa hamoo taʼan fudhatee dhufa; isaanis itti galanii achi jiraatu. Haalli namicha sanaa kan dhumaa isa jalqabaa caalaa hammaata.”
Copyright information for GazHAHl