‏ Luke 12:42-46

42Gooftaanis akkana jedhee deebise; “Egaa hojii adeemsisaan amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota isaa irratti isa muudu eenyu? 43Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha. 44Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda. 45Garbichi sun garuu yoo, ‘Gooftaan koo dhufuuf yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee, garboota dhiiraatii fi dubartootaa tumuu jalqabe, yoo nyaatee dhugee machaaʼe, 46gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa. Innis isa kukkuta; warra hin amanne keessattis isa ramada.
Copyright information for GazHAHl