‏ Luke 13:18-21

Fakkeenya Sanyii Sanaaficaatii fi Fakkeenya Raacitii

13:18,19 kwf – Mar 4:30‑32

13:18‑21 kwf – Mat 13:31‑33

18Yesuusis akkana jedhee gaafate; “Mootummaan Waaqaa maal fakkaata? Anis maaliinan wal isa fakkeessa? 19Mootummaan Waaqaa sanyii sanaaficaa kan namni tokko fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase fakkaata. Sanyiin sunis guddatee muka taʼe; simbirroonnis dameewwan isaa irra jiraatan.”

20Amma illee akkana jedhee gaafate; “Ani mootummaa Waaqaa maaliinan wal fakkeessa? 21Inni raacitii dubartiin tokko fuutee hamma inni guutummaatti bukeessutti daakuu safartuu sadiitti makte fakkaata.”
Copyright information for GazHAHl