‏ Luke 15:4-7

4“Isin keessaa namni hoolota dhibba qabu tokko yoo hoolaan tokko jalaa bade, hoolota sagaltamii sagallan kaan lafa tikaatti dhiisee hamma hoolaa bade sana argatutti kan barbaaduu hin deemne eenyu? 5Yommuu argatus gammadee gatiittii isaa irratti baatee, 6mana isaatti gala. Innis michoota isaatii fi olloota isaa walitti waamee, ‘Ani hoolaa koo kan bade sana argadheeraatii na wajjin gammadaa’ jedha. 7Ani isinittin hima; sababii qajeeltota qalbii jijjiirrachuun isaan hin barbaachifne sagaltamii sagalii irra sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif samii keessatti gammachuun guddaan akkasuma ni taʼa.
Copyright information for GazHAHl