‏ Luke 18:31-33

Yesuus Yeroo Sadaffaa Waaʼee Duʼa Isaa Dubbate

18:31‑33 kwf – Mat 20:17‑19; Mar 10:32‑34

31Yesuus warra kudha lamaan kophaatti baasee akkana jedheen; “Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; wanni raajonni waaʼee Ilma Namaa barreessan hundinuus ni raawwatama. 32Inni dabarfamee Namoota Ormaatti ni kennama. Isaanis isatti qoosu; isa arrabsu; isatti tufu; isa garafu; isa ajjeesus. 33Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaʼa.”
Copyright information for GazHAHl