Luke 21:1-4
Buusii Haadha Hiyyeessaa Tokkoo
21:1‑4 kwf – Mar 12:41‑44
1Yesuusis ol milʼatee sooreyyii kennaa isaanii miʼa buusii keessa buusaa jiran arge. 2Akkasumas haadha hiyyeessaa hiyyeettii tokko saantima sibiila diimaa xixinnoo lama buusuu ishee arge. 3Innis akkana jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; haati hiyyeessaa hiyyeettiin kun warra kaan hunda caalaa buufteerti. 4Namoonni kunneen hundi qabeenya isaanii irraa kennan; isheen garuu hiyyuma ishee keessaa waan ittiin jiraattu hunda kennite.”
Copyright information for
GazHAHl