‏ Luke 22:17-20

17Innis erga xoofoo fuudhee galata galchee booddee akkana jedhe; “Kana fudhadhaatii gargar qooddadhaa. 18Ani isinitti nan himaatii; ani hamma mootummaan Waaqaa dhufutti ija wayinii kana irraa deebiʼee hin dhugu” jedhe.

19Innis buddeena fuudhee galata galchee, caccabsee isaaniif kennee, “Kun foon koo kan isiniif kennamuu dha; kanas yaadannoo kootiif godhadhaa” jedheen.

20Akkasumas irbaata booddee xoofoo sana fuudhee akkana jedhe; “Xoofoon kun Kakuu Haaraa dhiiga koo kan isiniif dhangalaafamuun taʼuu dha.
Copyright information for GazHAHl