Luke 4:38-43
Yesuus Nama Baayʼee Fayyise
4:38‑41 kwf – Mat 8:14‑17
4:38‑43 kwf – Mar 1:29‑38
38Yesuus mana sagadaatii baʼee mana Simoon dhaqe. Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaa hamaadhaan qabamtee dhiphachaa turte; isaanis akka Yesuus ishee gargaaru isa kadhatan. 39Innis isheetti gad jedhee, dhagna gubaa sana ifate; dhagna gubaan sunis ishee dhiise. Isheenis yeruma sana kaatee isaan tajaajiluu jalqabde. 40Namoonnis yeroo aduun lixxetti namoota dhukkuba gosa garaa garaa qaban hunda gara Yesuus fidan; innis tokkoo tokkoo isaanii irra harka isaa kaaʼee isaan fayyise. 41Akkasumas hafuuronni hamoon iyyanii, “Ati Ilma Waaqaa ti!” jedhanii namoota baayʼee keessaa baʼan. Inni garuu sababii isaan akka inni Kiristoos ▼▼yookaan Masiihii
taʼe beekaniif isaan ifate; akka isaan dubbatanis hin eeyyamneef. 42Yommuu bariʼettis Yesuus achii baʼee, iddoo namni hin jirre tokko dhaqe. Namoonnis isa barbaadaa turan; yommuu gara isaa dhufanittis akka inni isaan dhiisee hin deemneef isa dhowwuu yaalan. 43Inni garuu, “Ani magaalaawwan kaanittis wangeela mootummaa Waaqaa lallabuun qaba; sababiin ani ergameefis kanuma” jedhe.
Copyright information for
GazHAHl