Luke 5:27-32
Waamamuu Lewwii
5:27‑32 kwf – Mat 9:9‑13; Mar 2:14‑17
27Ergasii Yesuus achii baʼee qaraxxuu Lewwii jedhamu tokko utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu arge. Yesuusis, “Na duukaa buʼi” jedheen. 28Lewwiinis waan hunda dhiisee kaʼee isa duukaa buʼe. 29Lewwiinis mana isaatti cidha guddaa Yesuusiif qopheesse; qaraxxoonnii fi namoonni kaan baayʼeenis isaan wajjin nyaachaa turan. 30Fariisonnii fi Barsiistonni seeraa kanneen garee isaanii taʼan garuu, “Isin maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaattanii dhugdu?” jedhanii barattoota isaatti guunguman. 31Yesuus immoo deebisee akkana isaaniin jedhe; “Ogeessi fayyaa tokko warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu. 32Ani cubbamoota gara qalbii jijjiirrannaatti waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufne.”
Copyright information for
GazHAHl