Luke 5:33-39
Yesuus Waaʼee Soomaa Gaafatamuu Isaa
5:33‑39 kwf – Mat 9:14‑17; Mar 2:18‑22
33Isaanis, “Barattoonni Yohannis yeroo baayʼee ni soomu; ni kadhatus; barattoonni Fariisotaas akkasuma godhu; barattoonni kee garuu ni nyaatu; ni dhugus” jedhaniin. 34Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin utuu inni isaan wajjin jiruu michoota misirrichaa soomsisuu ni dandeessuu? 35Garuu yeroon itti misirrichi isaan biraa fudhatamu ni dhufa; isaanis yeroo sana ni soomu.” 36Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; “Namni uffata moofaa erbuuf jedhee huccuu uffata haaraa tarsaasu tokko iyyuu hin jiru. Yoo kun godhame, isaan uffata haaraa sana tarsaasaniiru; erbeen haaraan sunis uffata moofaa wajjin wal hin fudhatu. 37Namni daadhii wayinii haaraa ▼▼Daadhii wayinii haaraa – Daadhii wayinii kan amma illee danfaa jiru yookaan kan hin bilchaatin jechuu dha.
qalqalloo moofaatti naqu tokko iyyuu hin jiru. Yoo itti naqe immoo daadhiin haaraan sun qalqalloo sana ni dhoosa; daadhiin sun ni dhangalaʼa; qalqallichis horoomaa baʼa. 38Qooda kanaa daadhiin wayinii haaraan qalqalloo daadhii wayinii haaraatti naqamuu qaba. 39Namni kam iyyuu erga daadhii wayinii kan goge dhugee booddee daadhii wayinii haaraa hin barbaadu; isaan, ‘Daadhii wayinii kan goge wayya’ jedhuutii.”
Copyright information for
GazHAHl