Luke 6:1-5
Yesuus Gooftaa Sanbataa ti
6:1‑11 kwf – Mat 12:1‑14; Mar 2:23–3:6
1Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus lafa qotiisaa midhaanii keessa darbaa ture; barattoonni isaas asheetii midhaanii ciratanii harka isaaniitiin sukkuummatanii nyaachuu jalqaban. 2Fariisota keessaas tokko tokko, “Isin maaliif waan Sanbataan hojjechuun hin eeyyamamne hojjettu?” jedhanii gaafatan. 3Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Isin waan Daawit yeroo innii fi miiltonni isaa beelaʼanitti godhe sana takkumaa hin dubbifnee? 4Inni mana Waaqaa seenee buddeena qulqulleeffame ▼▼Buddeena kudha lamaan guyyaa Sanbataa mana Waaqaa keessa minjaala warqee dibame irra kaaʼamuu dha. Buddeenni kun achitti Gooftaaf dhiʼeeffama. Sanbata itti aanutti immoo lubootaaf kennama. Luboonnis iddoo qulqulluu tokkotti nyaachuu qabu.
kan luboota qofaaf eeyyamame fudhatee nyaate. Warra isa wajjin jiraniifis kenne.” 5Yesuusis, “Ilmi Namaa Gooftaa Sanbataa ti” isaaniin jedhe.
Copyright information for
GazHAHl