Luke 6:17-19
Eebbaa fi Wayyoowwan
6:20‑23 kwf – Mat 5:3‑12
17Innis isaan wajjin gad buʼee iddoo diriiraa tokko irra dhaabate. Tuunni barattoota isaa guddaanis achi ture; namoonni Yihuudaa hunda keessaa, Yerusaalem keessaa, biyya qarqara galaanaa kan naannoo Xiiroosii fi Siidoonaatii dhufan baayʼeen, 18warri isa dhagaʼuu fi dhukkuba isaanii irraa fayyuuf dhufanis achi turan. Warri hafuurota xuraaʼoon dhiphachaa turanis ni fayyan; 19sababii humni isa keessaa baʼee hunduma isaanii fayyisaa tureef, namoonni hundinuu isa tuquuf carraaqaa turan.
Copyright information for
GazHAHl