Luke 6:20-23
20Innis barattoota isaa ilaalee akkana jedhe: “Isin warri hiyyeeyyiin eebbifamoo dha;mootummaan Waaqaa kan keessaniitii.
21 Isin warri amma beeloftan eebbifamoo dha;
ni quuftuutii.
Isin warri amma boossan eebbifamoo dha;
ni kolfituutii.
22 Yommuu namoonni sababii Ilma Namaatiif jedhanii isin jibban,
yommuu isaan of keessaa isin baasanii fi isin arrabsan,
yommuu isaan maqaa keessan akka waan hamaa tokkootti tuffatan,
isin eebbifamoo dha.
23 “Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef gaafa sana ililchaatii gammachuudhaan buburraaqaa. Abbootiin isaanii iyyuu akkasuma raajota godhaniitii.
Copyright information for
GazHAHl