‏ Luke 9:18-20

Phexros Eenyummaa Kiristoos Beeksise

9:18‑20 kwf – Mat 16:13‑16; Mar 8:27‑29

9:22‑27 kwf – Mat 16:21‑28; Mar 8:31–9:1

18Gaaf tokko Yesuus kophaa isaa kadhannaa irra ture; barattoonni isaas isa wajjin turan. Innis, “Namoonni anaan eenyu jedhu?” jedhee isaan gaafate.

19Isaanis, “Namoonni tokko tokko inni Yohannis Cuuphaa dha jedhu; warri kaan inni Eeliyaas jedhu; kaan immoo raajota durii keessaa isa tokkotu duʼaa kaʼe jedhu” jedhanii deebisan.

20Innis, “Isin hoo? Eenyu anaan jettu?” jedhee gaafate.

Phexrosis, “Ati Kiristoos
yookaan Masiihii
Waaqaa ti” jedhee deebise.
Copyright information for GazHAHl