‏ Luke 9:46-48

Namni Nama Hunda Caalu Eenyu?

9:46‑48 kwf – Mat 18:1‑5

9:46‑50 kwf – Mar 9:33‑40

46Isaan keessaa namni nama hundumaa caalu eenyu akka taʼe barattoota gidduutti wal falmiin kaʼe. 47Yesuusis waan isaan garaatti yaadan beekee mucaa xinnaa tokko fidee of bira dhaabe; 48akkanas isaaniin jedhe; “Namni mucaa xinnaa kana maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatus isa na erge sana simata; namni isin hundaa gad taʼe inni hunda caalaatii.”
Copyright information for GazHAHl