Luke 9:46-50
Namni Nama Hunda Caalu Eenyu?
9:46‑48 kwf – Mat 18:1‑5
9:46‑50 kwf – Mar 9:33‑40
46Isaan keessaa namni nama hundumaa caalu eenyu akka taʼe barattoota gidduutti wal falmiin kaʼe. 47Yesuusis waan isaan garaatti yaadan beekee mucaa xinnaa tokko fidee of bira dhaabe; 48akkanas isaaniin jedhe; “Namni mucaa xinnaa kana maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatus isa na erge sana simata; namni isin hundaa gad taʼe inni hunda caalaatii.” 49Yohannisis, “Yaa Barsiisaa, nu utuu namni tokko maqaa keetiin hafuurota hamoo baasuu arginee waan inni nu duukaa hin buuneef isa dhowwine” jedhe. 50Yesuus garuu, “Isa hin dhowwinaa; namni isiniin hin mormine kam iyyuu gara keessan jiraatii” jedhe.
Copyright information for
GazHAHl