‏ Luke 9:7-9

7Heroodis bulchaan waaʼee waan taʼaa ture hundaa dhagaʼe. Innis waan namoonni tokko tokko Yohannis cuuphaan warra duʼan keessaa kaafameera jechaa turaniif, 8warri kaanis Eeliyaas mulʼateera jechaa waan turaniif, warri kaan immoo raajota durii keessaa inni tokko duʼaa kaʼeera jechaa waan turaniif akka malee burjaajaʼe. 9Heroodis garuu, “Ani Yohannisin mataa isaa kuteen ture. Yoos namichi ani waaʼee isaa waan akkanaa dhagaʼu kun eenyu ree?” jedhe. Yesuusin arguufis ni hawwa ture.
Copyright information for GazHAHl