‏ Mark 8

Yesuus Nama Kuma Afur Sooruu Isaa

8:1‑9 kwf – Mat 15:32‑39

8:1‑9 kwi – Mar 6:32‑44

8:11‑21 kwf – Mat 16:1‑12

1Gidduu sana tuunni biraa guddaan isaa ammas walitti qabame. Yesuusis sababii tuunni sun waan nyaatu hin qabaatiniif barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; 2“Sababii isaan guyyaa sadii na bira turanii waan nyaatan tokko illee hin qabneef, ani namoota kanneeniif garaa nan laafa. 3Yoo ani agabuu isaanii gad isaan dhiise, isaan karaa irratti ni gaggabu; isaan keessaa tokko tokko fagoodhaa dhufaniitii.”

4Barattoonni isaas deebisanii, “Namni kam iyyuu gammoojjii kana keessatti buddeena isaan gaʼu eessaa argachuu dandaʼa?” jedhan.

5Yesuus immoo, “Isin buddeena meeqa qabdu?” jedhee gaafate.

Isaanis, “Torba” jedhan.

6Innis akka namoonni sun lafa tataaʼan itti hime. Buddeena torban fuudhee erga galateeffatee booddee kukkutee akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattoota isaatti kenne; isaanis namootaaf dhiʼeessan. 7Akkasumas qurxummii xixinnoo muraasa qabu turan; qurxummii sanas eebbisee akka isaan namootaaf hiraniif barattoota isaatti hime. 8Namoonnis nyaatanii quufan. Ergasiis barattoonni hambaa gundoo torba guutuu walitti qaban. 9Isaanis gara nama kuma afurii turan. Innis erga of irraa isaan geggeessee booddee, 10barattoota isaa wajjin yommusuma bidiruu yaabbatee biyya Daalmaanutaa dhaqe.

11Fariisonnis dhufanii Yesuusitti falmuu jalqaban; isa qoruuf jedhaniis mallattoo samii irraa isa irraa barbaadan. 12Innis hafuura dheeraa baafatee, “Dhaloonni kun maaliif mallattoo barbaada? Ani dhuguma isinitti hima; mallattoon tokko iyyuu dhaloota kanaaf hin kennamu” jedheen. 13Innis isaan dhiisee bidiruutti deebiʼee gama ceʼe.

Raacitii Fariisotaa

14Barattoonnis buddeena tokkicha bidiruu keessaa of biraa qaban sana malee buddeena fudhachuu irraanfatanii turan. 15Yesuusis, “Beekkadhaa; raacitii Fariisotaatii fi raacitii Heroodis irraa of eeggadhaa” jedhee isaan akeekkachiise.

16Isaanis, “Kun sababii nu buddeena hin qabneef” jedhanii walii wajjin haasaʼan.

17Yesuusis waan isaan haasaʼan beekee akkana jedhee isaan gaafate; “Isin maaliif waaʼee buddeena dhabuu keessanii dudubbattu? Isin amma iyyuu hin argitanii? Yookaan hin hubattanii? Mataa jabaattanii? 18Isin utuma ija qabdanuu hin argitanii? Utuma gurra qabdanuus hin dhageessanii? Hin yaadattanii? 19Yeroo ani buddeena shanan sana nama kuma shaniif caccabsetti isin hurraaʼaa gundoo meeqa guutuu kaaftan?”

Isaanis, “Kudha lama” jedhaniin.

20Innis, “Yeroo ani buddeena torba nama kuma afuriif caccabsetti hambaa gundoo meeqa guutuu walitti qabdan?” jedhee gaafate.

Isaanis, “Torba” jedhaniin.

21Innis, “Isin amma iyyuu hin hubattanii?” jedheen.

Yesuus Beetisayidaatti Nama Jaamaa Fayyise

22Isaanis Beetisayidaa dhaqan; jarri tokkos namicha jaamaa tokko fidanii akka inni isa qaqqabuuf Yesuusin kadhatan. 23Innis namicha jaamaa sana harka qabee ganda sana keessaa baase. Ija isaattis tufee, harka isaas irra kaaʼee, “Waa arguu dandeessaa?” jedhee gaafate.

24Namichis ol ilaalee, “Namoota nan arga; isaan muka deemu natti fakkaatu” jedhe.

25Yesuus amma illee harka isaa ija namichaa irra kaaʼe. Iji namichaas ni baname; agartuun isaa ni deebiʼeef; waan hundas sirriitti arge. 26Yesuusis namichaan, “Gara ganda sanaa seentee waan kana nama tokkotti illee hin himin” jedhee gara mana isaatti isa erge.

Phexros Eenyummaa Kiristoos Beeksise

8:27‑29 kwf – Mat 16:13‑16; Luq 9:18‑20

27Yesuusii fi barattoonni isaa gara gandoota naannoo Fiiliphoos Qiisaariyaa jiraniitti darban. Innis, “Namoonni anaan eenyu jedhu?” jedhee karaa irratti isaan gaafate.

28Isaanis, “Namoonni tokko tokko, ‘Inni Yohannis Cuuphaa dha’ jedhu; warri kaan, ‘inni Eeliyaas’ jedhu; kaan immoo, ‘inni raajota keessaa isa tokkoo dha’ jedhu” jedhanii deebisan.

29Innis, “Isin eenyu anaan jettu?” jedhee gaafate.

Phexrosis, “Ati Kiristoos” jedhee deebise.

30Yesuusis akka isaan waaʼee isaa nama tokkotti illee hin himneef isaan akeekkachiise.

Yesuus Duraan Dursee Waaʼee Duʼa Isaa Dubbate

8:31–9:1 kwf – Mat 16:21‑28; Luq 9:22‑27

31Yesuusis akka Ilmi Namaa waan hedduun dhiphachuu qabu, akka maanguddootaan, luboota hangafootaa fi barsiistota seeraatiin tuffatamuu qabuu fi akka ajjeefamuu qabu, guyyaa sadii booddee immoo akka duʼaa kaʼu isaan barsiisuu jalqabe. 32Innis waaʼee kanaa ifatti baasee dubbate; Phexrosis kophaatti baasee isa ifachuu jalqabe.

33Yesuus garuu of irra garagalee barattoota isaa ilaale; Phexrosiinis, “Seexana nana! Na duubatti deebiʼi! Ati kan namaa yaadda malee kan Waaqaa hin yaadduutii” jedhee ifate.

Haala Karraa Fannoo

34Ergasii inni tuuta sanaa fi barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; “Namni kam iyyuu yoo na faana dhufuu barbaade, inni of haa ganu; fannoo isaa baadhatees na duukaa haa buʼu. 35Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhabaatii; garuu namni anaa fi wangeelaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni oolfata. 36Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe buʼaa maalii argata? 37Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa? 38Yoo namni kam iyyuu dhaloota ejjaa fi cubbamaa kana keessatti anaa fi dubbii kootti qaanaʼe, Ilmi Namaa yommuu ulfina Abbaa isaatiin ergamoota qulqulluu wajjin dhufutti isatti ni qaanaʼa.”
Copyright information for GazHAHl