‏ Mark 1:40-44

Namicha Lamxaaʼaa Tokko

1:40‑44 kwf – Mat 8:2‑4; Luq 5:12‑14

40Namichi lamxaaʼaan tokko gara isaa dhufee jilbeenfatee, “Yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedhee isa kadhate.

41Yesuusis garaa laafeefii, harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, “Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!” jedheen. 42Yeruma sana lamxiin sun namicha irraa bade; namichis ni qulqullaaʼe.

43Yesuusis of eeggannoo jabaa kenneefii yommusuma gad isa dhiise. 44Akkanas jedheen; “Ati waan kana nama tokkotti illee akka hin himne beekkadhu; garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; qulqullaaʼuu keetiifis aarsaawwan Museen ajaje sana dhiʼeessi.”
Copyright information for GazHAHl