Mark 10:32-34
Yesuus Ammas Waaʼee Duʼa Isaa Duraan Dursee Dubbate
10:32‑34 kwf – Mat 20:17‑19; Luq 18:31‑33
32Isaanis Yerusaalemitti ol baʼuuf jedhanii karaa irra turan; Yesuus immoo isaan dura deemaa ture; barattoonnis ni dinqisiifatan; warri duukaa buʼaa turan immoo ni sodaatan. Yesuus amma illee warra kudha lamaan kophaatti baasee waan isatti dhufuuf jiru isaanitti hime. 33Akkanas jedhe; “Kunoo, nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru; akkasumas dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu; 34isaanis isatti qoosu; isatti tufu; isa garafu; isa ajjeesus. Inni garuu guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa.”
Copyright information for
GazHAHl