‏ Mark 11:7-10

7Ilmoo harree sanas Yesuusitti fidan; uffata isaaniis ilmoo harree irra buusan; innis irra taaʼe. 8Namoonni baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan baala qaban kanneen alaa kukkutan sana karaa irra bubuusan. 9Warri dura deemaa turanii fi warri duukaa buʼaa turan iyyanii akkana jedhan; “Hoosaaʼinaa!”
Hoosaaʼinaa! Hosaaʼinaa jechuun, “Amma fayyisi!” yookaan “Maaloo fayyisi!” jechuu dha.

“Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!”

10“Mootummaan abbaa keenya Daawit inni dhufu sun eebbifamaa dha!”

“Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!”
Copyright information for GazHAHl