Mark 12:35-40
Kiristoos Ilma Eenyuu ti?
12:35‑37 kwf – Mat 22:41‑46; Luq 20:41‑44
12:38‑40 kwf – Mat 23:1‑7; Luq 20:45‑47
35Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisaa jiruu akkana jedhee gaafate; “Barsiistonni seeraa maaliif Kiristoos ilma Daawit jedhu? 36Daawit mataan isaa iyyuu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee akkana jedhe: “ ‘Gooftichi Gooftaa kootiin,“Hamma ani diinota kee,
miilla kee jala siif galchutti,
gara mirga koo taaʼi.” ’ ▼
37 Daawit mataan isaa iyyuu ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?” Tuunni guddaan sunis gammachuudhaan isa dhagaʼe.
Barsiistota Seeraa Irraa of Eeggachuu
38Yesuusis utuu barsiisuu akkana jedhe; “Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu jaallatu; 39manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu. 40Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis kadhannaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.”
Copyright information for
GazHAHl