‏ Mark 13:33-37

33Of eeggadhaa! Dammaqaas! Yeroon sun yoom akka taʼe hin beektaniitii. 34Innis nama garboota isaatti taayitaa kennee, tokkoo tokkoo isaaniittis hojii isaa kennee, akka garbichi karra eegu immoo dammaqee eegu ajajee, mana isaa dhiisee karaa dheeraa deeme tokko fakkaata.

35 “Kanaafuu isin dammaqaa; yeroo itti abbaan mana sanaa deebiʼu, jechuunis galgala yookaan halkan walakkaa yookaan iyya indaanqoo yookaan barii obboroo taʼuu isaa hin beektaniitii. 36Kunis akka inni akkuma tasaa dhufee utuu raftanuus isin hin arganneef. 37Ani waanan isiniin jedhu nama hundumaan nan jedha; ‘dammaqaa!’ ”
Copyright information for GazHAHl