‏ Mark 14:18-21

18Utuu isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu Yesuus, “Ani dhuguma isinitti nan hima; isin keessaa tokko, kan amma na wajjin nyaachuutti jiru dabarsee na kenna” jedheen.

19Isaanis gaddanii, tokko tokkoon, “Na taʼinnaa laata?” jechuu jalqaban.

20Innis akkana jedhee deebise; “Namichi sun warra kudha Lamaan keessaa tokkoo dha. Innis isa na wajjin gabatee keessaa cuuphatuu dha. 21Ilmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee Ilma Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.”
Copyright information for GazHAHl