Mark 14:3-8
3Utuu inni Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaatti maaddiitti dhiʼaatee jiruu, dubartiin tokko shittoo gatiin isaa guddaa taʼe kan naardoos qulqulluu irraa qopheeffame bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee dhufte. Isheenis bilqaaxxicha cabsitee shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte. 4Namoota achi turan keessaa tokko tokko aaranii akkana waliin jedhan; “Shittoo kana balleessuun maaliif? 5Silaa shittoon kun diinaarii dhibba sadii ▼▼Diinaariin dhibba sadii mindaa waggaatti hojjetaa tokkoof kaffalamu.
olitti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii.” Isaanis isheetti dheekkaman. 6Yesuus garuu akkana jedhe; “Ishee dhiisaa. Maaliif ishee rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti. 7Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; isin yeroo feetan kamitti iyyuu isaan gargaaruu ni dandeessu. Ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan. 8Isheen waan dandeessu hojjette. Isheen duraan dursitee dhagna koo awwaalaaf dibde. ▼
Copyright information for
GazHAHl