‏ Mark 14:61-63

61Yesuus garuu inuma calʼise malee deebii tokko illee hin kennine.

Lubichi ol aanaan ammas, “Kiristoos Ilmi isa Eebbifamaa Sanaa sii?” jedhee isa gaafate.

62Yesuusis, “Eeyyee ana; isin utuu Ilmi Namaa karaa mirga Humna Qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu” jedhe.

63Lubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; “Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa?
Copyright information for GazHAHl