Mark 14:66-68
Phexros Yesuusin Ganuu Isaa
14:66‑72 kwf – Mat 26:69‑75; Luq 22:56‑62; Yoh 18:16‑18,25‑27
66Utuu Phexros dallaa sana keessa gara gadii jiruu xomboreewwan luba ol aanaa keessaa tokko dhufte. 67Isheen utuu Phexros ibidda qaqqaammatuu argite; hubattees isa ilaalte. Isheenis, “Atis Yesuus nama Naazreeti sana wajjin turte” jetteen. 68Inni garuu, “Ani waan ati jettu hin beeku; naaf hin galus” jedhee gane. Karra dallaatiinis gad baʼe; indaanqoonis ni iyye.
Copyright information for
GazHAHl