‏ Mark 15:16-20

Loltoonni Yesuusitti Qoosuu Isaanii

15:16‑20 kwf – Mat 27:27‑31

16Ergasii loltoonni Yesuusin mana bulchaatti, jechuunis Piraayitooriyoonitti ol galchan; raayyaa loltootaa hundas walitti waaman. 17Uffata dhiilgee
Uffata loltoota Roomaa kan wayyaa kaan irratti uffatamu.
itti uffisan; gonfoo qoraattiis micciiranii dhaʼanii isa irra kaaʼan.
18Isaanis, “Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!” jedhanii nagaa isa gaafachuu jalqaban. 19Uleedhaanis mataa isaa rukutan; isattis tufan. Jilbeenfataniis sagadaniif. 20Erga itti qoosanii booddee uffata diimaa dhiilgee sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman.
Copyright information for GazHAHl