‏ Mark 15:42-47

Yesuus Awwaalamuu Isaa

15:42‑47 kwf – Mat 27:57‑61; Luq 23:50‑56; Yoh 19:38‑42

42Guyyaan sun Guyyaa Qophii jechuunis guyyaa Sanbataan duraa ture. Yommuu galgalaaʼettis, 43Yoosef namni Armaatiyaa, miseensi yaaʼii beekamaan kan mataan isaa mootummaa Waaqaa eeggachaa ture tokko ija jabinaan gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate. 44Phiilaaxoosis yommuu akka inni duʼe dhagaʼetti ni dinqifate. Ajajaa dhibbaa sanas ofitti waamee Yesuus erga duʼee turuu fi turuu baachuu isaa gaafate. 45Akka inni duʼes ajajaa dhibbaa sana irraa erga mirkaneeffatee booddee reeffa sana Yoosefiif kenne. 46Yoosefis huccuu quncee talbaa irraa hojjetame bitee, reeffa sana gad buusee, huccuu sanaan kafanee awwaala garaa kattaa keessatti qotate keessa kaaʼe. Dhagaa tokkos balbala awwaala sanaatti gangalchee cufe. 47Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam haati Yoosaa lafa inni kaaʼame ni argan.
Copyright information for GazHAHl