Mark 2:14-17
14Innis utuu achiin darbaa jiruu, Lewwii ilma Alfewoos utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu argee, “Na duukaa buʼi” jedheen. Lewwiinis kaʼee isa duukaa buʼe. 15Yeroo Yesuus mana Lewwiitti irbaata nyaachaa turetti, qaraxxoonnii fi cubbamoonni baayʼeen isaa fi barattoota isaa wajjin nyaachaa turan; namoonni isa duukaa buʼan baayʼee turaniitii. 16Barsiistonni seeraa warri Fariisota turan yommuu isaa cubbamootaa fi qaraxxoota wajjin nyaatu arganitti, “Inni maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaata?” jedhanii barattoota isaa gaafatan. 17Yesuus immoo waan kana dhageenyaan, “Ogeessi fayyaa tokko warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufne” jedheen.
Copyright information for
GazHAHl