Mark 3:31-35
Haadha Yesuusii fi Obboloota Isaa
3:31‑35 kwf – Mat 12:46‑50; Luq 8:19‑21
31Haatii fi obboloonni isaa dhufanii, ala dhaabatanii nama itti erganii isa waamsisan. 32Namoonni baayʼeenis isatti naannaʼanii taaʼaa turan; isaanis, “Haati keetii fi obboloonni kee ala dhadhaabatanii si iyyaafachaa jiru” jedhanii isatti himan. 33Inni immoo, “Haati kootii fi obboloonni koo eenyu?” jedhee gaafate. 34Innis warra naannoo isaa marsanii tataaʼan ilaalee akkana jedhe; “Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti! 35Namni fedhii Waaqaa raawwatu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis.”
Copyright information for
GazHAHl